Wednesday, December 28, 2016

OMN: Weekly English News Dec 28, 2016

OMN: Mata Duree Oduu Mud 28, 2016

OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira

OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira.

                                                 (Jawar Mohamma irraa)

Kuni waan gaariidha. Sababni OMN Afaan kana tamsaasatti daballeef nama hedduuf ifa. Namni hedduunis barreessee jira. Xiqqoma itti dabaluuf:
Kaayyoon OMN 'Oromiyaa addunyaan, addunyaa ammoo Oromiyaan wal qunnamsiisuudha.' Kana ammoo hamma humni hayyaameen dhawaataan toora tamsaasaa ( mode of broadcast) akkasumas afaanota tamsaasaa dabalaa deemuudhaan galmaan geenya. Afaan Oromootin eegalle. Afaan Amaaraa itti daballe. Afaan Inglizii itti edaane. Amma Afaan Arabaatin as baane. Dhihotti Khiswahilifi Afaan Soomaleetin as bahuuf qophaayaa jirra.
Afaan arabaa maalif?
- Oromoota 500,000 oltu baqattummaafi hojiidhaan biyyoota Arabaa jira. haa ta'uu ammoo ummanni Arabaa kun waa'ee Oromoo homaa hin beekan jechuun ni dandahama. Hariiroo lammileen keenya achi jiraatan hawaasa san waliin qaban ( public diplomacy) fooyyeessuuf waa'ee Oromoo fi Oromiyaa ummata san barsiisuun akkaan barbaachisaadha. sababni sagantaa Afaan Inglizii babaldhisaa jirruufis tokko Faranjiin nuti keessa jiraannu dhimma keenya akka hubattuufi.
- Ilmaan Oromoo baqattoonni kun achitti horan ( 2nd and 3rd generation immigrants) kumaatamaan lakkaayamu ( Hubadhaa! Baqattoonni Oromoo osoo biyya Faranjii hin dhufin biyya Arabaa qubatan...baroota 1940moota irraa eegalee). Ilmaan isaan horan kan afaan Oromoo hin beekne kumaatamatu jira ( Fkn joollee Elemoo Qilxuu laalaa). OMN waa'ee seenaa Oromoo fi haala Oromiyaa daa'imman Oromoo Afaan warra isaanii hin beekne hubachiisuun barbaachisaadha. Afaan Ingiliziis kan eegalleef keessaa sababni guddaan joollee biyya faranjii dhalattee Afaan Oromoo hin beekne bira gahuufi.
- Hariiroo daldalaa Itoophiyaan biyyoota alaa waliin gootu keessatti Chaaynaatti aanee sadarkaa guddarra kan jiru biyyoota Arabaa waliini. Jara kana waliin diplomaasii jabeeffachuun ammatti qabsoo keenyaaf, boru ammoo hariiroo diinaggeetiif barbaachisaadha. Hariiroo diplomaasii cimsuuf ammoo dhimma keenya Afaan isaan beekaniin hubachiisuun barbaachisaadha. Saagantaa Afaan Inglizii kan babal'isuu barbaannufis akeekuma kana biyyoota dhihaa keessatti daran cimsuufi. ( Hubadhaa Wayyaaneen dhiibbaa gama saniin dhufu diinaggee isiitiif hedduu waan sodaattuf hariiroo isii jara kanaa waliin cimsuuf halkaniifi guyyaa carraaqxi. Baatilee jahan dabre kana keessatti biyyoota muumichi ministeeraafi haajaa alaa dhaqaniifi walgaltee adda addaa mallatteessan yoo laaltan kun ifatti muldhata. Nutii teenyee laaluu qabnaaree? )
- Akeeka dhimma Oromoo ummata ollaa keenyaafi kan addunyaa beeksisuu kana galmaan gahuuf adaduma humni teenya jabaachaa deemtuun afaanota gurguddoo naannawa saniitifi addunyaatin oduufi sagantaalee idilee dabalaa deemna. Akkuma duratti ibse dhihotti Afaan Soomaleefi Kiswahilitin eegaluuf qophii xumuraa jirra. Gaazexeessaa dhimma keenya Afaan Chaaynaatiin himuu danda'u osoo argannee sanis itti dabaluu feena. Dhugaan baana, qoosaafi miti.
- Kanaan walqabatee Afaan sabafi sablammootaatiif hireen osoo kenname wayya yaadni jedhu ka'ee jira. Yaada dansaadha. Yaadni nuti dura qabaachaa turre saboota naannawa saniitif saatalaytii keenyarratti kenninee walabaan siyaasaa isaanii afaan ofiitiin akka tamsaasaniif ture. Akkuma namuu beeku saboonni naannawa sanii toora saatalaytii OMN akka fayyadaman ifatti affeeraa turre. Rakkoon jiru saboonni biyya sanii hedduun nu daran waan cunqurfamanii turaniif humni isaanii nurraahuu laafaadha. Sababuma kanaan gariin eegalanii jidduun dhaaban. Tokko tokko ammoo ni eegalla jedhanii fiixaan baasuu dadhaban. Haala kana hubachuun humna isaani ol guddisuuf tarii deeggarsa godhuun barbaachisuu hin oolu jennee haala mijeessuuf mari'achaa jirra.
Walakkeessoo bardhibbee 20ffaa keessa biyti Igilizii siyaasaafi waraanaan moo'amtee yeroo kufuuf daddaaqaa turtetti dantaa isii addunyaa irratti eegsisuuf kan isii dandeessise BBC dha. Ameerikaan siyaasaa addunyaa akka dhuunfatu kan godhe humna waraanaa qofa osoo hin taane CNN, VOA fiHollywood ta'uu ni beeytan. Biyyoonni kun dhimma ofiifi kan addunyaa afaan ofiitifi afaanota gurguddaan biroon tamsaasuun ilaalchi isaanii mataa ummata addunyaa keessa akka jiraatu godhan. Kanarraa nutis wahuma baranna. Waan barannu kana ammoo humna qabnuun hojitti hiikuu qabna. ( kanarratti gaaf biraa dabalataan barreessuun yaala)
Ammaaf gama kiyyaan kanuma. 
Tasgabbiin mar'idhaa. 
Marii keessatti wal eeggadhaa. 
Wal hin madeessinaa. 
Yaada waliif ulfeeffadhaa. 
Yaada Oromoof ta'uu waliin gabbifadhaa.

Wednesday, December 21, 2016

OMN: Weekly English News Dec 21, 2016

OMN: ዕለታዊ ዜና Dec 21, 2016

Wayyaaneen ammas Maastar Pilaanii hojiirra oolachina jechuutti jirti.

Wayyaaneen ammas Maastar Pilaanii hojiirra oolachina jechuutti jirti. 

                                                        (Jawar Mohammad iin)
Maastar Pilaaniin kun kan amma duraatiin adda moo tokko? Mirga Oromoofi Oromiyaa ni miidhamoo?
  • 1) Maastar Pilaannin kun maqaadhaaf kan duraatiin adda. Kan duraa sun Maastar Pilaanii Qindaawaa Magaalaa Finfinneeif Magaalota Godina Addaa Oromiyaa sanitti walitti hammatee qophaaye ture. Akka wayyaaneen jettutti Mastar Pilaaniin qindaawaan sun mormii ummata Oromootin waan fashaleef Magaalaan Finfinnee Maastar Pilaanii haraya kana mataa ishee qofaatti baafattee jirtii. Kuni garuu dhugaadhaa? 
  • 2) Galmeelee Maastar Pilaanii 'haaraa' kanaa waliin walqabatanii dhihaatan muraasa argeen jira. Galmeelee kanarraa akka agarrutti maastar pilaaniin kun kan Finfinnee qofa haa jedhamuu malee iftii kaartaa Maastar Pilaanii kanarra kaayame daangaa baldhina magaalaa Finfinnee kan yeroo ammaa irra hedduu guddaadha. Fakkeenyaaf bakkeewwan Oromiyaa keessa jiran kanneen akka Galaan, Tulluu Diimtuu, Jamoo fii Samiit jedhaman fudhatee jira. Kana jechuun kaartaan kun daangaa Finfinnee baldhisuun lafa bulchiinsa Oromiyaa jala jiru as mura. Akkuma dura karoorfame qonnaan bultoonni Oromoo kumaatamaan lafarraa buqqa'uuf deemu jechuudha. 
  • 3) Maastar Pilaaniin kun haaraa haa jedhamu malee akkuma isa amma duraa san magaalaan Finfinnee tajaajila bishaanii Oromiyaa keessaa ( Gafarsa, Laga Daadhii, Qaallitti) irraa argatti jedha. Kosii illee Oromiyaa keessaatti akka darbamutti kaaye. Tajaajila kana Finfinneen kaffaltii malee akka argattutti tilmaama warri karoora kana baase kun. 
  • 4) Yoo yaadattan mirga addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdi jedhamee keewwaata 49(5) keessa kaayame san baatii Onkololeessaa darbe kana furmaata itti goona jedhanii waadaa seenanii turan. Onkololeessi dhufee darbe, furmaanni godhame garuu hin jiru. Osoo gaafii guddaa kanaaf furmaata hin kenniin karoora waggoota 25 turu baasuun mirga Oromiyaan qabdu san daranuu duuchuuf akka ta'e akeeka. 
  • 5) Maastar Pilaanii kana haaraa fakkeessuuf hedduu carraaqan. Maqaa isaa jijjiran; kan duraa saniif fakkeenyi magaalaa Faransaay tan Lyon jedhamtuu turte, kan haaraa kanaa ammoo tan Korea Soul jedhamtuudha jedhan. Dhugaan jiru garuu Maastar Pilaanii kaleessaa sanis kan ammaatin kan dhiibaa jiru namootuma walfakkaataadha. Abbaay Xaayyee Dhaabbata Qorannoo Magaalaatirraa duubaan dhiiba. Maatiwos Asaffaa Maastar Pilanii akka duraatif maanajara, kan ammaatifis sanuma. 
Walumaagalattuu Finfinneen handhuura teessuma lafaa, aadaa, seenaafi diinaggee Oromiyaati. Karoorri magaalaa kanaa kamiyyuu Oromiyaa ni laallata. Karoorri Oromoofi Oromiyaa osoo hin hirmaachisin bahu ammoo dantaa saba kanaaa miidhuun isaa waan hin oolle. Ijaa kana ta'eef moirmamuu qaba. Wayyaanees ta'ee humni biraa Finfinnee karoora baasuu dura gaafii mirgaa Oromiyaafi Oromoon magaalaa sanirraa qaban deebisuun dirqama. Sana ta'uu baannaan isaanis haa baasan Oromoonis fashaleessuu ittuma fufuun waan hin oolle.
By Jawar Mohammed Stop Your madness with Masterplan and Resolve the Master Problem
The TPLF state media has announced Addis Ababa Master Plan will be implemented soon. I have seen documents pertaining to this matter. Here is my take:
1) The regime claims this master plan is for Addis Ababa city only. That is the controversial Integrated Master Plan of Addis Ababa and surrounding towns have been disentangled and split into two. In other words Addis Ababa has given up on a joint master plan with its neighboring Oromia towns and forging ahead with separate plan. Yet...
2) A cursory review of the 'new' plan shows it isn't that new. For a starter, the land that is incorporated in this plan that's supposed to be just for city of Addis Ababa is way larger than the current & constitutional limits of the city. There are localities and districts (according to the constitutionally stipulated jurisdictions of both the Oromia state & the AA city council administration) laying in the current Oromia proper like Gelan, Semit, Jamo etc which are surprisingly made part of the city and covered in the "new master plan". In short, There's is huge tract of land from surrounding Oromia villages that have still been incorporated into Addis Ababa. In other words, this master plan expands the city limit violating the existing boarders and aims to remove hundreds of thousands of farmers, just as previously planned.
3) Just as the earlier 'integrated' master plan, this 'new' plan states that the city will get water from Oromia (Gefersa, Laga Dadhi, Aqaqi) and dry waste will be dumped in Sandafa as well. It assumes the city will continue to use these resources and services free of charge. But there is no agreement between Oromia and the city administration.
4) The regime promised to resolve the constitutionally guaranteed Oromia's Special interest over Addis Ababa by this past October. Yet that has not been materialized yet. Trying to implement a 25 year Master Plan for Addis Ababa before resolving this thorny issue is tantamount to inviting further complications.
5) In general, this 'new' master plan is different from the integrated master plan only in name. They have tried to make it look different. They said the previous plan was based on Frances city of Lyon while the new one is based on Seoul city of Korea. Yet the same people who devised the previous plan are behind this one. Abay Tsehaye is the man who is pushing it. Mathiwos Asefa the manager of the 'integrated plan' is again manager of the 'new' plan. The old plan was supposedly scrapped in January 2016. In their own admission its takes years to develop a master plan that lasts 25 years. Which means they did not develop any new plan but renamed the same old bloody one.
The bottom line is Finfinne (Addis Ababa) is at the heart of Oromia, geographically, politically, culturally and economically. Any plan developed for the city without the participation and approval of the Oromo people and Oromia state for the city is bound to adversely affect Oromo people, economically, culturally and politically. Hence, it has been and it will be rejected and resisted. Similarly any plan contested by the Oromos and bound to fail harming residents of the city. Thus, before you embark on any fancy talk of Master Plan, sit down and resolve the Master Problem...Oromia's historical and constitutionally affirmed right and interest over the city of Addis Ababa.

Monday, December 19, 2016

OMN: Oduu Mud 19, 2016

OMN: Qophii Addaa ( Walgahii Aktivistoota Oromoo MN) Mud 19, 2016

OMN: Oduu Mud 18, 2016

Mootummaan Wayyaanee Dhimma Maaster Pilaanii Magaalaa Finfinnee kan Duraan Dhiise jedhe Amma Maaliif Afarsaa Jira?

Mootummaan Wayyaanee Dhimma Maaster Pilaanii Magaalaa Finfinnee kan Duraan Dhiise jedhe Amma Maaliif Afarsaa Jira?

                                          (Boruu Burraaqaatiin)

Dhimmi Maaster Pilaanii magaalaa Finfinnee amma dura eegalame mormii jabaa ummanni Oromoo godheen hambisiifamuu danda’ee akka ture ni yaadatama. Yeroo sanitti dabballoonni OPDO arraba damma dibatanii gad bahuudhaan ‘’yoo ummata Oromoo kan hin gammachiifne tahe maaluu ni hafa’’ jechuun ololaa bahan. Mormiin ummata Oromoo yeroo sana Maaster Pilaaniitti qabatee eegalame garuu salphaatti kan dhaabatu hin turre. Gaaffiin Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa waan taheef boris salphaatti kan aguugamee hafu hin tahu. Haa tahuutii mormii sirnicha hundee irraa raasuu danda’e kana ukkaamsuuf jecha Labsa Yeroo Muddamaa Oromoo irratti labsan. Humnaan ummata afaan qabanii, harka isaa micciiranii, miila isaa hidhanii callisiisuu filatan.
Dhimmi Maaster Pilaanii magaalaa Finfinnee ammas xixxiixaa jira. Miidiyaaleen Wayyaanee gurguddoon EBC fi FBCn dhimma kana qabatanii ifatti gad bahanii jirani. Keessumattuu miidiyaa karoora mootummaa dursee beeksisuudhaan beekamu kan tahe Faanaan (FBC) oduu Mudde 8, 2009 (ALH)tti dabarseen ‘’Maaster Pilaaniin magaalaa Finfinnee dhiheenyatti akka ragga’u Komishiniin Pilaanii Magaalaa Finfinnee beeksise’’ jechuun gabaasee jira. Gaaffiin as irratti ka’uu qabu, Wayyaaneen maaliif yeroo kanatti dhimma master pilaanii kana amma kaasuu filatte kan jedhuu dha. An akka naa galetti sababaan isaa waan gurguddaa lama.
Kan duraa, sirnichi wayta ammaa kana jabaa nama Oromoo hanga danda’e guuree mana hidhaatti naqee jira. Warra silaa ummata kakaasuu fi mormii ummataa qindeessuu danda’u jedhee shakku qabee hidhaa keessatti toyatee argama. Ummata isa hafe ammoo bittaa waraanummaa Komaand Poostiitiin sodaachisee bitaa jira. Ammaantana hamilee fi kaka’umsa ummanni Oromoo qabsoo mirga isaaf qabu onnee isaa keessatti buruqsee, boquu gad cabseen jira jedhee waan of amansiise fakkaata. Kana irraa ka’uun wayta kanatti kaayyoo biyya Oromoo saamuu fi Oromoo salphisuuf qabate san hojii irra oolchuu irraa wanni na hanqisu hin jiru jedhee of amansiisee jira. Oromoon hangamuu baay’atu, hangamuu sadarkaan mormii isaa addunyaatti dhagahamu, toyannoo koo jalaa hin bahu, dirqisiisee doorsisee waanin barbaadu waga’uu nan danda’a jedhee of hubachuu isaa argaa jirra. Dhimma Master Pilaanii magaalaa Finfinnee irratti Oromoodhaan salphifamee boquu cabsatee kan ture sirni Wayyaanee amma xiiqii san Oromoo irratti bahachuuf yeroo aanjaa uummadheera jedhee yaadaa jira.
Kan lammaffaa wanni Wayyaaneef onnee kenne haala faca’iinsa gurmuu siyaasaa Oromoo ti. Dhaaba siyaasaa biyya keessaa (KFO) yoo taheef guutummaatti mataa hanga jalaatti jabaa namoota dhaabichaa hidhaa naqanii jirani. Dhaabicha guutummaatti laamshessanii jiru. Wayta Wayyaaneen bulchiinsa Komaand Poostii Oromiyaa irratti labsitee halkanii guyyaa Oromoo kumootaan mana hidhaatti guurtu, rukuttee madeessitu, ajjeeftu, qabeenya isaa aduu saafaatiin saamtu dhaabni siyaasaa Oromoo jabaan sabichaaf dirmatee salphina kana irraa Oromoo baraaruu danda’e hin jiru. Keessoon dhaabota siyaasaa Oromoos tahee aktiivistoota Oromoo biyya keessattis tahee alatti irree qabaatee kan sirnicha sodaachisu hin taane. Ummatatu muratee natti ka’e malee dhaabni siyaasaa kan sagantaa mataa isaatiin haleellaa narraan gahuu danda’u Oromoo keessa hin jiru jettee murteessiteetti Wayyaaneen. Duula karaa miidiyaa hawaasummaa ummata kakaasuuf godhamu Facebook fi karaalee wal qunnamtii biroo cufuudhaan ummata dukkana keessatti iggitte.
Haalli amma jiru waan fedhan Oromoo irratti labsuuf yeroo aanjaa tahee laalameera. Wayyaneen balaa siyaasaa hamaa, keessumattuu Oromiyaa keessatti mudatte irraa humna qawweetiin akka of baraartee amma hafuura bitattetti of fudhatteetti. Kunis Oromoo tuffachuu irraa madda. ‘Ofiif wacitu malee homaa na gochuu hin dandeessan, keessi keessan bukoo dha’ nuun jedhaa jirti. Ummata keessaa warra mormii dabre keessatti seenaa hojjete garii ajjeeftee, kuun madeessitee qaama hir’iftee, kuun ammoo kumoota kudhanootaan hidhaatti naqxee affeelaa waan jirtuuf, tarkaanfii akkasii kanaan umrii dheereffachuun akka danda’amu shaakalaa jirti.
Kanaafuu maaltu mala? Hegereen qabsoo kanaa maal tahuuf deemaa jira? Kan durii yoo hafe wareegamni gootonni Oromoo qabsoo waggaa tokkoo keessatti kafalan bilaash tahee hafaa? Wayyaaneen humna qawweetiin Oromoo afaan qabdee deebitee akka bofaa biyyee arraabdee yoo ol kaatu, akkasumatti wacnee dhiifna moo tarsiimoo qabsoo haaraa wayiitiin gad baanee dheebuu bilisummaa ummata keenya baafna? Gaaffilee kana qaamonni ‘humnoota siyaasaa’ Oromoo ofiin jedhan of gaafachuu qabu. Warri jaaramee jiru waliin hojjechuu ni dandeenya moo hin dandeenyu jedhaa wal gaafadhaa. Waliin haasawuu fi waliin deemuu hin dandeessan taanaan maqaa qabsoo lafa kaayaatii jireenya mataa keessanii jiraadhaa. Ummanni isin eega, isinis qilleensuma irratti jirra jirra ofiin jettu, lafa irratti garuu hin mul’atani, gidduutti kan bu’aa hangana hin jedhamne hammaarrachaa jiru diina keenya.
Wayyaaneen mormii lafa raasu waggaa tokkoo san irraa dandamattee tuffii isii itti fufuu kan dandeesse hanqina keenyaan malee jabina mataa ishiin miti. Keessoon jaarmayummaa siyaasaa Oromoo baay’ee dheedhii dha. Corqaa dha. Bakka ummanni keenya gahe gahuufuu fagoo jira. Wayyaanee kan lubbuu itti hores isa kana. Ummanni yoomuu mirga isaaf ni falmata. Garuu jaarmayaa siyaasaa jabaa kan tarsiimoo jabaadhaan isa hogganu hin qabu taanaan maayyii irratti irbaata diinaa taha. Wayyaaneen bulchiinsa Komaand Poostii labsuu ishii dura ibsoonni dhaabonni siyaasaa Oromoo tokko tokko baasaa turan sirnichaaf gargaarsa guddaa godhe. Jaarmayoonni siyaasaa Oromoo walii isaanii gidduutti wal dorgoommii diigaa godhan irraa kan ka’e ‘qabsoo biyya keessaa deemaa jiru natu hogganaa jira’ jedhanii miidiyaatti bahanii labsuun ummata keenya rukuchiise malee bu’aa Oromoofis tahee jaarmayaa sanaaf fide homaa hin qabu. Diraamaa Wayyaaneen ‘ABO fi Masriitu na goolaa jira’ jettee hojjetatteef karaa bane. Diraamaa kanaan qabdees labsa yeroo muddamaa baafatte. Bulchiinsa waraanaa ‘Comand Post’ jedhamu Oromoo irratti labsitee haleellaa abbaa irrummaa kan durattuu raaw’achaa turte seerawaa godhachuuf ittiin gargaaramte. Dheedhummaan siyaasaa keenyaa balaa kana fakkaatu nu mude.
Gara fuulduraas of keessa deebinee hanqina keenya hin guuttannu taanaa, dogoggora keenya irraa hin barannu taanaan, akka qara eebootti qeeqa sodaachuu dhiifnee wal hin dhageeffannu taanaan, ego keenya of duuba goonee sabichaaf waa hojjechuu qofa irratti wal hin dorgoomnu taanaan salphinni kana caalu itti fufuun gaaffii hin qabu. Laafina keenya irraa barannee qaama laafinaa san jabinatti jijjiirrachuu dandeenyaan garuu ni injifanna. Yoo san gochuu hin dandeenye ammoo dhiiga ummanni keenya bilisummaa isaaf dhangalaasaa jiru dhiiga saree gochuu manna Oromoon akka furmaata barbaaddattu itti himnee karaa irraa maquu dha. Dhaamsi kun warra tuqata siyaasaa Oromoo qabu kan matayyaas tahee gurmuudhaan gumaachaa jirra jedhan maraaf tahuu qaba.
Sabni keenya ni injifata!

Tuesday, November 29, 2016

OMN: ዕለታዊ ዜና Nov 29, 2016

OMN Mata Duree Oduu Sad 29, 2016

Donald Trump: Qabsoo Oromootif hiree moo balaadha?

Donald Trump: Qabsoo Oromootif hiree moo balaadha?

                                             (Jawar Mohammad tiin)

Donald Trump: osoo namuu akka qoosaatti laaluu filannoo pirazidantummaa Ameerikaa moo'atee hogganootaafi hayyoota biyyatti qaanyessee jira. Imaammanniifi tarsimoon bulchiinsa Trump maal ta'a kan jedhu baatii dabre kana mataduree marii namuutuu ta'eee jira. Deebii isaa garuu innuu ifatti waan beeku hin fakkaatu. Nuti Oromoonis, silaa waaqaa gaditti addunyaa kan kirkirsu Ameerikaa waan taateef, dhufaatiin Trump tun risqii moo gaaga'ama nuuf qabdii laata jennee xiinxaluunifi tarsiimoo baafachuutu nu barbaachisa. Kanarratti xiinxala armaan gadii kana akka yaada ka'umsaatti dhiheesseera.
Imaammata Biyya Keessaa
Wanti Trump yeroo duula filannoo waadaa gale guddaan baqattoota seeraan ala Ameerikaa jiran biyyaa ari'uudha. Waadaalee seene keessaa kan inni murannoon itti deemuu hedus tokko kana. Ejjannoo isaa kana hojitti hiikufis hedduu hin rakkatu. Sababni isaas manneen maree lamaanuu ( Senate & Congress) paartii isaatitu harkaa qaba. Baqattoonni Oromoo kumaatamaan lakkaayaman biyyanatti dahoo gaafataniis osoo hayyama hin argatni akka jiran ni beekama. Ilmaan Oromoo kun imammata bulchiinsa Trump kanaan miidhamuun isaanii ni mala. Gaaga'ama gahuu malu irraa lammiilee kenya baraaruuf waldaaleen hawaasaa ammumarraa itti qophaayuu qaban.
Imaammata Dantaa Alaa
Dantaa alaa ilaalchisee wanti Trump dubbataa ture waldhahaadha. Ejjannoon isaa kan paartileen lamaan biyya kanaa amma dura itti beekamanitti hin citu. Kanaaf ammatti imaammanni isaa kana jedhanii afaan guuttatanii dubbachuun nama dhiba. Bifuma kanaan imaammanni inni Afrikaa akkasumas Itoophiyaa irratti qabaachuu malu maal akka tahe guututti hubachuun nama dhiba. Waan inni dabree dabree haasayu irraa garuu waa takka lama jechuun ni danda'ama.

Kan duraa Trump gargaarsa biyyoota guddataa jiraniif kennamu ni morma. Fakkeenyaaf maallaqni biliyoona 700 Afrikaaf kennamu akka qisaasameetti lakkaawuun ummata Ameerikaa tajaajiluuf hojiirra ooluu qaba jedhee dubbatee ture. Kana jechuun bulchiinsa Trump jalatti gargaraarsi biyyota alaatiif kennamu ( foreign aid) akka hirdhatu eeggama. Ejjannoo kanaan yoo itti fufe mootummoota akka Wayyaaneen kan gargaarsa Ameerikaa irratti hirkatanii jiraataniif balaadha. Wayyaanee irraa gargaarsi cituun ykn hirdhachuun qabsoo keenyaaf ammoo faaydaa guddaa qaba.
Kan lammataa Trump akka yaadutti dimokraasii babal'isuun hojii Ameerikaa ta'uu hin qabu. Lola Ameerikaan maqaa abbootii irree buusuutiin Liibiyaafi Siiriyaa keessatti goote ni balaaleffata. Ejjannoo kanaan yoo itti fufe bulchiinsi Trump humnoota bilisummaafi dimokraasiif dhaabbataniif naatoo qabaachuun isaa mamsiisaadha.

Sadaffaan lola ' farra shoorarkeessitoota' ( counter terrorism) ilaalchise ejjannoo cimaa akka qabu yoo dubbates lola kana keessaa waraanni Ameerikaa suduudaan akka hirmaatu fedhii akka hin qabne akeeka. Dabalataanis biyyonni lola kanarratti hirmaatan baasii isaanii Ameerikaan akka kafaltuuf eeggachuu mannaa dirqama isaanii ofumaan bahuu qaban jedhe dhaadataa ture. Kanarraa kaanee michoomni Ameerikaafi Itoophiyaan sababa haala Soomaleetin qaban hedduu akka jijjiramuu hin dandeenye tilmaamuu dandeenya. Garuu ammo akka bulchiinsota Obama fi Bush sanitti bulchiinsi Trump maqaa farra shoorarkaatiin kaaznaa Wayyaanee guutuu waan itti fufu hin fakkaatu. Guututti illee irraa dhaabuu baatu akka hirdhisu eeggama. Kun Wayyaanee akka shilmii biyyoota alaa irratti maxxantee jiraattuuf hoongee uumuun hin oolu. Gaaga;ama diinaggee sochiin Oromoo irraan gaheen yoo walitti dabalame hirdhachuun gargaarsa alaa kun Wayyaaneen daran akka laamshessu tilmaamuun ni danda'ama.

Afraffaan dhimmaa hariiroo diinaggee irrattis imaammanni Trump ifaa miti. Haa ta'uu ammoo waliigalteen daldalaa Ameerikaan biyyota biraa waliin qabdu (kanneen akka NAFTA, TPP) hedduun isaa irra deebi'amee laalamuu akka qabu gadi jabeessee dubbataa ture. Hariiroo daldalaa Ameerikaan Afrikaa waliin qabdu, AGOA jedhamee beekamu irratti hamma ammaa waan dubbate hin agarre. Waliigalteen AGOA bara as aanu keessa yeroon isaa waan dhumatuuf haaromfamuun dirqama. Kanarratti akkuma waliigalteelee kaanii gara Ameerikaa caalaatti fayyaduu yoo dhiibe biyyoota akka Itoophiyaa kanneen AGOA irraa fayyadamaa jiran irratti dhiibbaa ni qabaata.

Walumaagalatti imaammanni haajaa alaa Trump ammatti xaliilee hin beekamne. Faana bu'uudhaan qorannoo geggeessuun irratti qophaayuun barbaachisaadha. Pirazidantii biyya bulchuudhaaf qophaayee hin dhufne waan taheef imaammataafi tarsiimoo caalaa tarii eejjannoofi ilaalcha namoota aangotti muudamani murteessaa ta'uu mala. Kanaafuu namni Ministeera Haajaa alaatti itti gaafatamaa dhimmaa Afrikaa ta'ee muudamu eenyu akka tahe beekuun kallattii imammanni Ameerikaan Afrikaa irratti qabdu maal akka tahuu malu akeekuf nu fayyada.

Hammasitti waa sadeen tokkoo jechuun goolabuun fedha. Obaamaan abdii guddaafi waadaa cimaa Afrikaaf kennee wanni qabatamaan godhe hin turre. Afaanin dimokraasii sirbaa sirna abbaa irree Wayyaanee gargaaraa turuun yaadannoo as dhihooti. Kanaaf Obaamaan 'gaariin' sun bu'ee Trump 'hamaan' dhufuun nuuf jijjirama guddaa hin qabu. Kan lammataa Hillary Clinton kan gareen ishee dursee Wayyaanee irraa quubii nyaate filamuu dhabuun qabsoo keenyaaf gaariidha. Sadaffaan Oromoon hedduun, akkuma ummata addunyaa kaanii, waan Trump dubbaturraa ka'uun akka jibban ni beekama. Garuu gama qabsootti yoo deebinu tarsiimoon teenya jibbaafi jaalalaan osoo hin taane tooftaadhaan maskamuu qabdi. Jaalannus jibbinus waggoota afran as deemaniif imaammata Ameerikaan geggeessuu heddu Trump fi garee isaattu harkaa qaba. Kanaaf nutis ejjannoo teenya wal qixeeffachaa miidhaa imaammanni isaa fidu hirdhisuuf faaydaa tarii argamuu malu irraa buufachuuf qophaayuu qabna. Hunda caalaa garuu milkaayuufi hoongayuu qabsoo keenyaatif murteessaan laafinaafi cimina qabsoo Oromiyaa keessaa tahuu irra deddeebinee of yaadachiisuu qabna. Yoo qabsoon biyyaa jabaatte abbaan fedhes Ameerikaa hogganu dantaa ofiitifu jecha Oromoon michoomuuf dirqamu.

OMN Ezekeil Gebissa In Conversation

OMN (Sadaasa 26, 2016) Gaaffi fi deebii Atileet Feyisa Lilesa Waliin god...

Saturday, November 26, 2016

GAMMADAA WAARIYOO; GOOTA WARRAAQSA OROMOO SADARKAA ADDAATTI CEESISEE DHA!

GAMMADAA WAARIYOO; GOOTA WARRAAQSA OROMOO SADARKAA ADDAATTI CEESISEE DHA!

                                       (Saphaloo Kadiir irraa)

Gootummaan maqaa moggaasa haadhaaf abbaa, kan hiriyaa ykn kan ofiif akkuma barbaadan moggaafatan osoo hin taane, onne qabeessummaa, onnattummaafi murannoo fi kutannoo qabaachuu irraa ka'uun hojii boonsaa hojmaata dhugaatiin dagaltee sabaaf hojjattu irraa kan siif moggaafamuu dha. Ani goota jechuuf namni gootummaa hin badhaafamu. Gootummaan tan kennaa bilisaa waliif laatan osoo hin taane hojii ati sabaaf hojjattuutu si gonfachiisa. Hojii dhunfaa keetii dacha dachaan hojjattee fiinxa ba'iinsa gonfachuu bira dabree maatiifi firoottan kee illee yoo hariira uwwifte gootummaan hin moggaafamtu. Goota jechuun dursa kan miidhaafi roorroo saba isaa faccisuuf lubbuu isaa takkittii irratti wareegama murteessuu dha. Lubbuu isaa irratti murteessuu qofaas osoo hin taane qabeenya diinagdee, beekumsaafi humna isaas biyyaafi saba isaaf yoo dabarsee laateedha. Gootni dhugaa jiruuf jireenya, sadoof qananii dhunfaa, faaydaafi fedhii isaa mara irra hin kaayyatu, haajaas itti hin qabu. Haalaafi akkaataa mara keessatti beekkumsa qabuun dirmatee sagaleen saba isaatiif dhawwaaquun, qabeenya isaa gumaachuufi lubbuun isaa kennuun qabsaawa. Gootni maqaan walirra caalu baatuus sadarkaan onneefi kutannoo isaanii wal dhaba. Kana yoon jedhu garuu gootoota qabsoo Oromootiif waan laachuu qaban laatan sadarkaan wal caalchisuuf osoo hin taane warri qabsoofi warraaqsa sabaatiif gumaata laataan marti gootummaa isaaniin malu qaban jechuu kiyya. Garuu haalaafi akkaataa keessatti qabsoo adeemsisaniitu garaagarummaa akka qabaatan taasisa. Gootoonni gariin gareen qindaawanii qabsoo sossoosan. Wayta garii immoo yoo haalli walitti gamtaa'anii waa hojjachuu yoo aanja'uu dhabuuf dhiirti dhiiraa tarkaanfii barbaachisu dhunfaa isaatti fudhachuuf lubbuu ofii irraa kaatee, jireenya ofii irratti wareegama murteeffatee injifannoo dachaan galmeessan.

Nutiis akka Oromootti sabni keenya dur gaafa gabrummaa jalatti kufe irraa jalqabee gootoota bilisummaafi walabummaa sabni dhabe deebisuuf qabsaa'an baayyeefi kumaatama lakkaawamee hin dhumne qabna. Gootoota kutannoof murannoo dhugaa qaban kanaan qabsoon yeroo gara yerootti jijjiiramaa, daran fiiniinaa arra geesse. Gootoonni harki caalu akkuma lubbuu isaanii irratti murteessan wareegamanii dhaamsa jabaa dhiigaan nuuf barreessanii kan dabran yoo tahu gootoonni muraasni immoo akkuma carraatti lubbuun hafanii dhaamsa isaanii afaan isaanii irraa deddeebinee akka dhageenyuuf carroomna. Hambaaleen goottan kaleessaafi kan arraatiis boruuf yaadannoo siidaa qabsoo tahuun seenaan isaan kaasaa kan jiraattu tahuun beekkamaadha. Akkuma adeemsa qabsoo yeroo dheeraa goottan onnee barbadaa qaqqaaliin gulantaa takka irraa tan biraatti tarkaanfachiisaa dhufan san bara 2016 keessaas warraaqsa cimaa Oromoon godhaa jiru kana wareegama seena qabeessa adda addaa kafaluun goottan kumaatamni tarkaanfachiisaa asiin gahan. Irra jireeysi gootota keenyaa dhiiga itti dhangalaasanii, lafee itti cabsanii, foon isaanii itti kukkutanii, lubbuu itti dhabanii, qaamaa itti hir'atanii, qabeenya itti hoonga'anii qabsoo tana sadarkaa boonsaa amma jirtu kanaan gahan. Goottan foon isaanii sooraa, dhiiga isaanii obaasaa qabsoo asiin gahan mara kabajaaf ulfina isaaniin malu isaan barbaachisa. Irra baayyee goottan qabsoo irratti wareegamanii kabajaafi ulfina guddaa isaan barbaachisu laachuufiin wal nama hin gaafachiisu. Goottan baayyee akkuma lubbuu isaanii qabsoof qodhaa godhan sanitti wareegamaniis akka carraa tahee goottan qabsoo sadarkaa adda addaatti ceesisan kan lubbuun hafaniis ni jiru. Barana gootoota keenya qabsoo finiinsaa turan, kanneen lubbuu ofii irratti murteessanii gulantaa warraaqsaa sadarkaa addaatti ceesisan kan lubbuun hafuuf carrooman keessaa tokko dargaggoo Gammadaa Waariyoo ti.

Dargaggoo Gammadaa Waariyoo dhaadannoo isaa 'Down down wayyanee' jedhamuun yeroo ammaa beekkama. Gootichi kun akkuma beekkamu Onkololeessa 2, 2016 gaafa ayyaana Irreechaa waltajjii irratti bahuun 'mic' aanga'oota wayyaanee harkaa butuun 'Down down down wayyaanee' jedhee sagalee isaatiin akka leencaa baroodee diina naasisee, Oromoota miliyoona danuu irraa quuqaa buqqisee, fira qabsoo Oromoo maraas gammachiisee gulantaa qabsoo gara sadarkaa addaatti tarkaanfachiiseedha. Irreecha irratti iddoo waraanni hangi wayyaaneen qabdu itti wal gahee jirutti dhaadannoo akkasii waltajjii irratti bahanii dhageessisuuf onnee gootummaa dhugaa waliin kutannoofi murannoo guduunfatte qabaachuu barbaachisa. Sagale guddiftuu qabatanii waltajjii aanga'ootaafi waraanni wayyaanee irratti walitti qabamee jiru irratti dhaadannoo 'Down down down Wayyaanee' jettu dhawwaaquu dhiisii osoo afaaniin hin dubbanne mallattoo diddaa harka ol qabanii agarsiisuun qofti wareegama guddaa Oromoo kafalchiisaa jiraachuun wal nama hin gaafachiisu. Gaafa ayyaana Irreecha san maaltu taha laata? jedhanii kumni qalbiin eegaa turuun ni yaadatama. Irreechi dur gammachuun Oromoo hammatee gammachiisee gaggeessuus barana immoo lubbuun dhibboota danuu shira diinaatiin irratti wareegamte, kan gammachuu dur golga gaddaatiin haguuge Irreecha gurraacha ture. Wayta Oromoonni miliyoona danutti lakkaa'aman gaddaan liqimfaman kanatti dargaggoo Gammadaan waraana wayyaanee kan akka mixiitti dirree Irreechaa cabalaq godhee jiru keessaan hulluuqee gootummaan waltajjii yaabbatee 'Down down wayyaanee' jedhee dhawwaaquun diina baareeysee miira ilmaan Oromoo gaddaafi gammachuun wal keessa laaqe. Waltajjii akkanaa irratti bahanii diina abaaruun, afaanii baafatanii 'Down down TPLF' jedhanii dura dhaabbatanii dhaadannoo dhageessisuun kutannoofi gootummaa akkam akka gaafatuufi wareegama hangam akka nama kafalchiisu tilmaamuun nama hin rakkisu. Gammadaan goota qabsoo Oromoo fincila xumura gabrummaa irraa gara warraaqsa Oromootti ceesiseedha

Lubbuu ofii irratti du'a murteessanii dirree san irratti bahuun qofti wareegama hadhaawaa nama gaafatti. Sabaa ofiitiif dabarsanii of laachuuf qophaa'ummaa cimaafi of kenniinsa guddaa nama gaafata. Injifannoo cululuqxuu akkanaa geengoo diinaa keessatti galmeessuun ulfaataa tahuu daran kan amanuuf nama rakkiisuudha. Gaafa Irreechaa eega Gammadaan waltajjii irratti 'Down down' jedhe booda yaanni shakkiifi mamii tokko tokko uumamuun kanumaaf ture. Hojiin gootummaa dhugaatiin Gammadaan waltajjii Irreechaa ija wayyaanee duratti hojjate namoota garii "Geengoo diinaa keessatti namni hangas onne qabeessummaafi gootummaan waltajjii diina irratti bahee dhawwaaqu dhuguma ni jiraa? Ani hin amanu! Moo diinaatu fakkeessuuf qindeessee kana godhee laata?" kan jechisiise ture. Eeyyee! Qabsoo keessatti wareegamaafi injifannoon baayyeen kan gamtummaan galmaa'u tahuun waan baratameef murtiifi tarkaanfii goonni akkasii dhunfaan fudhatu kan akkanaa kun mamii keessa nama galchuun beekkamaadha. Sababniis injifannoo cimaa akkasii mooraa diinni marsee jiru keessatti galmeessuun tumsaafi tinnisa qaama biraatiin alatti ni milkaa'a jedhanii yaaduufi carraan injifannoo akkasii argachuu dhiphaafi adeemsi isaas ulfaataa waan taheef gaafa tahee argamu immoo hanga roga adda addaatiin qabatamaan mirkanneeffatanitti 'Ani hin amanu' nama jechiisiisa. Wanti ni taha jettee hin eegne tokko gaafa tahee argamu immoo 'ijaafi gurra kiyyaan amanuu dadhabe' nama jechiisisuun miira uumamaa shakkiifi madaalliif keessa keenyatti kalaqamee jiruutu nu dirqisiisa. Qabsoo keessatti gootummaan injifannoo akkanaa galmeessuun lubbuu ofii caalaa sabaaf dhimmamuufi qomoo ofii jaalachuu irraa kan maddu tahuun beekkamaadha. Kanaaf Gammadaa Waariyootiis jireenya isaa Oromoof qodhaa godhee, lubbuu isaa lammii isaatiif wareeguuf of qopheessee injifannoo san galmeesse. Akkuma gootoonni qaqqaalii baayyeen sabaaf dabarsanii of laachaa, of irra saba jaalaachaa turaniitti, arraas qarooleen baayyeen bilisummaa lammiif jecha du'a of irratti murteessaa jiran. Kan sabaaf qodhaa of godhu baayyee keessaa muraasaatu akka carraa ardii irratti hafa. Isaan keessaa tokko Gammadaa Waariyooti. Ana qofaaf osoo hin taane Oromoofi seenaa qabsoo Oromoo keessattiis Gammadaan goota gootummaan malteeni. Eeyyee! Gammadaan akka carraatti arra lubbuun nu jiddutti argamuus goota saba isaatiif of laate goota cimaa fi guddaadha. Goonni akkasii lubbuun nuuf eewalamee jiraachuun nu gammachiisuu qabdi. Irraan deebi’a. Ana qofaaf osoo hin taane Oromoofi seenaa qabsoo Oromoo keessattiis Gammadaan goota gootummaan malteeni.

Gammadaan goota gulantaa qabsoo keenyaa sadarkaa guddatti geesseedha. Akkuma "Qabsoon beeratti burraaqa" jedhan san hojiin inni hojjateefi injifannoon inni galmeesse garii namaatiif salphaa fakkaattee mul'achuu dandeessi. Garuu nama waa hubatuufi cimina adeemsa warraaqsaa beeku biratti Gammadaan waa guddaa hojjatee. Injifannoo hangana hin jedhamne galmeessuu isaa namni hin hubanne jira jedhee hin yaadu. Akkuma beekkamu dhaadannoon "Down down Wayyaanee!" jedhu kun yoo ilaalan tarii salphaa tokko fakkaachuu mala. Hojiin inni hojjate injifannoo guddaafi bu'a qabeessa tahuu kan mul'isu jecha jedhame qofa osoo hin tahin gocha isaa waliini. Bakki, yeroofi akkaataan itti jechi san jedhame humnaafi ulfina ergaa isaa qabatamaan mul'isuufi dhaamsa guddaa dabarsuu kan dandeessisu gocha isaa waliin qindaa'eeti. Kanaaf jechi gabaabaan 'Down down wayyaanee!' Jedhu kun gatiin inni ol bahuuf fudhateefi bu'aan inni buusees guddaadha. Jechi kun jecha gabaabaa dhaamsaafi ergaa guddaa Oromoo qofa biratti osoo hin tahin kan qabsoo Oromoo deeggaru mara biratti dhaadannoo cimaafi jechaa gatii qabu tahee tajaajila kennaa jira. Ijoolleen daa'imni hiikkaafi gatii jecha kanaa hin beeknelleen eega Gammadaan jecha kana irreecha irratti dhawwaaqe booda "Down down wayyaanee!" Jechaa yoo dhawwaaqxu agarra. Oromoonni bahar gama jiraataan marti eega jechi kun dubbatame booda manneen mootummoota warra adii fuulduratti yoo hiraara bahan dhaadannoo "Down down wayyaanee!" jedhu fayyadamaa jiraachuun beekkamaadha. Jechi gabaabaan kun qalbii warra addunyaa mara kan hawwateefi xiyyeeffannaa argateedha. Gootonni addunyaa tanaa marti jecha ulfinaafi irree qabu kan wayta san qabsoo isaanii tan itti jiran finiinsuuf, dhaamsa dabarsuufi qabsaa'oota onnachiisuuf, kan warraaqtootaafi deeggartoota qabsoo isaanii itti mirqaanfatan kan onnee isaanii keessa bulgaafatanii ittiin itti fayyadamaniifi ittiin beekkaman qaban baayyeetu jira. Fakkeenyaaf, "I Have A Dream!" jecha Maartiin Luutar King warraaqsaaf itti fayyadamaa ture yoo tahu Obamaan gaafa duula sochii filannoo Ameerikaa taasisu "We Can!" Jechuun abjuu Maartiin dhugoomsuufi hiikuu akka danda'u itti fayyadameefi gochaan mirkaneessaa tureedha. Fagoo hin deeminaa, mee keenyuma as deebine haa ilaalluu. Jawar Mohammed gaafa AlJazeera irratti gaaffiif deebii taasisaniif haasawa bal'aa irra jechi gabaabaan hiikkaa garbaa "I am Oromo first!" jedhu hangam takka akka Oromoo gammachiiseefi diina naasisuu bira dabree abdii kutachiise namni hin beekne jiraa? Jecha gabaabaa piroojaktii guddaa dhaleefi hundeeffama OMN tiif bu'ura jaba taheedha. OMN immoo itti fufiinsaafi mirqaansa qabsoo gaggeeffamaa jirtuuf deeggarsa guddaa akka tahe namni hin beekne hin jiru. OMN jechuun ilmaan Oromoo biratti akka miidiyaa ykn TV itti osoo hin taane akka dhaaba (jaarmaya) qabsoo Oromoo guddaa fi cimaa tokkootti kan ilaalamuufi kabajamaafi jaalalli addaa akka isaaf kennamu beekkamaadha. Jechi Gammadaas kanaan addaa miti.

Dargaggoo Gammadaa Waariyoo goota lubbuun jiru tahuu qofa osoo hin tahin gootummaa addaa wanti isa badhaasu danuudha. Gootummaan dhawwaaqee diina naasisuu daran diina harkaa miliqee lubbuun nuuf eewalamuun isaas kan diina aarseefi gootummaa dabalataa kan isaaf laatuudha. Goota diddaa cunqursaa mormee sabaaf qabsaa'ee diina naasisee wareegamu qabaachuun nama gammachiisa. Goota qabsaa'ee diina naasisee lubbuuniis eewalamu qabaachuun immoo injifannoo lakkuu, gammachuu dachaati. Jechi gabaabaan gootichi keenya Gammadaan lallabe kun jecha qofa osoo hin tahin rasaasa guddaadha. Rasaasni immoo akkuma yoo diinatti deebisan galaafatu yoo sirnaan qabuu baatan abbichaas gaaga'a. Kana dubbachuun koo waa malee miti. Gammadaan goota waan isarraa eegamu qabsoof gumaacheefi gahee isaa dacha dachaan bahee jiruudha. Goota osoo hin wareegamin injifannoo guddaa galmeesseedha. Goota jaalala sabaatiif jedhee lubbuu isaa mi'ooytuu wareegaaf qodhaa godhe kan akka carraatti nuuf eewalameedha. Goota akkas nu jaalaatuufi akka alagaan dhiiga isaa cunfattu, lafee isaa cabsitu, foon isaa mummurattuu, lubbuu isaa wareegduuf jiruufi jireenya isaa irraa ka'ee dabarsee nuuf of kenne kana akkaataa Oromoon itti simatteefi quba qabaachaa jirtu garuu kan nama gammachiisuu miti. Goota akkanaa argachuu qofa osoo hin tahin sirnaan qabachuuniis gatii guddaa qaba. Haatahuu garuu simannaafi hammannaa isaan malte Oromoo biraa dhabuun kun kan hamilee qabsaa'ootaa tuqu qofa osoo hin taane kan deebisee balaaf isa saaxiluudha. Inni kabajaaf ulfina nurraa barbaadee miti kan lubbuu isaa dabarsee nuuf laateef. Silaa harka diinaa bu'ee arra waan afaan isaa irraa dhageenyuufi ijaan isa arguullee hin milkooynu ture. Warri shakkees, warri dhugaa arkees silaa osoo kana hin mirkaneeffanne hafa ture. Injifannoo galmeesse caalaa lubbuun eewalamuun isaa kun daran nu gammachiisuu qaba ture. Gammadaan kanaan dura diinaafi firaafiis eenyu akka tahe sirritti hin beekkamne ture. Gariin shakkii namoota muraasaa saniin ulfaa'ee gariin immoo mamii hin beekkamneen liqimfamee ture. Eega guyyaa Irreechaa booda du'aafi jiruun isaa Oromoo mara shakkisiisaafi yaaddeessaa turte. Mucaan kun lubbuun haa eewalamu malee ammallee shanacha diinaa jalaa fagoo miti. Goonni wayyaanetti ibidda shide kun eega miidiyaa irratti mul'ate booda xiloon diinaa irratti xiyyeeffachuun hin oolu. Sabboontoonni Oromoo kan warraaqsa kana keessatti dhageettii qabaniifi waa godhuu danda'an dhimma Gammadaa kana laaffisuu isaanitu mul'ata.

Walumaagalatti Gammadaa Waariyoo kanaan dura hojii isaa malee teessoofi eenyummaan isaa hin beekne ture. Diinni barbaadaa turuus argachuu hin dandeenye. Amma immoo teessoofi eenyummaan isaas gara miidiyaatiin beekkamuun isaa firoota yoo gammachiisu diina immoo daran aarsee jira. Nuti immoo jiraachuu isaa qofatti gammadnee yoo cal'ifnu diinni immoo aara san bahuuf aaree hin cal'isu. Kanaaf ani akka nama tokkootti dhimma isaa ilaalchisee furmaanni waaraan nageenya mucaa kanaaf barbaachisu barbaadamuuf qaba jedheen amana. Akka nuti laaffifne kana diinni waan laaffisee ilaalu natti hin fakkaatu. Jechi namoota gariif xiqqaa kun warra siyaasaatiif rasaasa akkam tahuu ni beekkama. Nuti waan gochi isaa nuuf gumaache tilmaamuu dhiifnuus diinni immoo waan jechi kun isa dhabsiise waan beekuuf salphatti kan jalaa hafuu miti. Gammadaan akkuma jecha san dhageessiseen osoo wareegamee akkuma wareegamtoota kaaniitti yaadatama ture. Akkuma isaaniittiis ilaalama ture. Kana booda immoo yoo miidhaan irra geesse sheenaa guddoo nu keessatti magarsuu qofa osoo hin taane madaa hin qoorrees nu keessatti uuma. Kana dura osoo hin tahin amma eega eenyummaan isaa beekkame kana wayyaanetti ibiddi lammaffaa qabsiifamee jira. Kanaaf gabaabumatti mucaan kun akka Afrikkaa keessaa gamatti cehuufi bobaa diinaa jalaa fagaatu koreen ijaaramtee yeroo gabaabatti baasuuf hojii jalqabuu qaban jedheen yaada. Biyyi masrii namoota Oromoo maraafu jireenyi yaaddeessaa tahee jira. Gammadaan qabsoo keessatti gahee irraa eeggamu caalaa bahee jira. Akka carraa tahee eega eewalame immoo nuti isaaf wabii tahuu nurra jiraata. Inni tokkichi lubbuu jijjiirraa hin qabne saba guddaa fi danuu kanaaf laatee egaa carraan isa jiraachifte nuti danuun kun isaaf maal laachuu qabna? Jedhanii of gaafachuun dirqama taha. Hanguma ammaatuu haalli jireenya isaa hin mijjooyneef fakkaata. Gargaarsi gama 'Gofund' isaaf walitti sassaabamaa jiruus baayyee xiqqaadha. Kanaaf gooticha keenya kana namni marti dhimma isaa itti yaaduu qaba. Goota tokko eega wareegame qofa faarsuu fi seenaa isaa dhaadheessuu osoo hin taane goota lubbuun jiruus kabajaafi ulfina isaan malu laachuufin dirqama. Jechi "Down down wayyaanee!" Jedhu kun yoo irratti hojjatame ammallee piroojektii guddaadha. Waan biraa miti namni suuraa fi jecha isaa qofa interneetiis tahee lafatti fayyadame qofti osoo qarshii takka kafalee miliyoona meeqa taha laata? Dubbiin xumuran malee hin xumuramtu, arraaf goolabe. Horaa bulaa!
“GOOTOOTA KEENYA KABAJAAFI ULFINNI ISAANIIN MALU LAATAMUUF QABA!”

Saphaloo Kadiir
Sadaasa, 2016

OMN Qophii keessummaa( sadaasa 26, 2016)

OMN Oduu Sad 25, 2016

Friday, November 18, 2016

OMn Oduu Sad 18, 2016

Qophii Xiinxalaa Sad 18, 2016

#OromoRevolution Yaa'ii Hogganoota Oromoo: Fuulduree #OromoRevolution Yaa'ii Hogganoota Oromoo: Fuulduree (Jawar Mohamma irraa)


Yaa'ii Hogganoonni Oromoo guyyaa sadihiif Atalnta keessatti taa'an goolabamee jira. Akkaataa korri kun itti deemsifame, milkiifi hanqina isaa madaaluun qooda hirmaattotaati. Isaanis bifa adda addaatin himaa jiran. Maaltu itti aana kana jedhurratti waa takkaa lama jechuun fedha. Wanni itti aanu murtiilee yaa'iin kun dabarse ciminaan hojiitti hiikuudha. 1) Yaa'iin kun uummanni Oromoo dudhaa fi aadan siyaasaa dimokraasii hirmaachisaa ta’ee, kan dagaagina wal qixxaataa, nagayaa amansiisaafi kabaja dhala namaaf kan kennu, isa irraa illee hafee kan biraa kan ga’uu, haftee qaroomina sirnaa gadaa qabaachuu isaa gadii fageenyaa kan irratti mari’atamee fi mirkaneefatamee dha. Akkasumas bu’uurrii hundee tokkummaa Oromoo fi siyaasa isa duudhaalen qaroomina haftee sirna gadaa kana keessaa madduu, ka hawwii egeree Oromoo hundaa illee masaku ta’uu isaa hubachuun maree ijoo dubbii kana irrattii balinaan ergaa mari’atameen boodaa, qindoomina cimaan itti fufiinsi akka jiraatuu waliif galameera. 2) Yaa'iin kun galmeelee lama jechuunis Labsii Dhugefannaa Tokkummaa Oromoo (Affirmation of Oromo Unity and National Aspirations) fi Irbuu Oromoo ( Oromo Charter for Freedom, Justice, Dignity and Peace) jedhan irratti erga mari'atee booda yaada waan hirdhatuufi eda'amuu qabu eeruun, dokumantiileen kun akka yaada yaa'ii kanarratti dhihaataniitin gabbisanii deebisan gurmuu hayyootaa itti ramadee jira. Hayyoonni kunis yeroo gabaabaa keessatti hojii kana xumuranii dokumantii kana gara jila yaa'ii kanaatti ergu. Jilli kunis dokumantii kana daran yaada ummataatin gabbisuuf hawaasa isaanii keessatti irratti mari'achiisu. Hirmaannaa ummataa daran bal'isuuf dokumantiileen kun Oromiyaa keessatti lafa jalaan irratti mari'atamuuf jira, akkasumas gara interneetiin platfoormiin qophaayee yaanni itti sassaabama. 3) Yaa'in kun diplomaasiin Oromoo fi gargaarsi ummata keenya miidhamaa jiruuf qodhamu bifa waaltaheen akka godhamu murteessuun koree qindeessituu itti dhaabee jira. Koreen dhaabbate kun yeroo gabaabaa keessatti sirna isaan barbaachisu guutattanii tarsiimoo baafatanii jila yaa'ii kanaatiifi hawaasa Oromoo bal'aa ni beeksisu jennee abdanna. 4) Marii dokumantiilee irratti bal'inaan hawaasa keessatti godhamuufi yaada ka'u sassaabee fiduun irratti mari'achuuf, akkasumas hojirraa ooluu dirqama koreelee qindeessituutti laatame madaaluf yaa'iin hogganootaa yeroo lammataaf ni yaamama. Kanas akka qindeessuuf yaa'iin kun koreen dhaabbatee jira; hojii isaas ammumarraa eegala. 5) Adeemsa yaa'ii hogganootaa Oromoo kan Atlanta kana irraa komiin bifa adda addaa akka ture ni beekama. Yaa'iin Hogganotaas koreen qindeessituu muftoolee jiran kana akka furuufi yaa'ii lamataa irratti namootaafi gurmuulee hafan kamiyyuu hirmaachisuuf ijibaata akka godhu ajajee jira. Koreenis ajaja kana fudhachuun safisaan hojiitti hiikuuf waadaa seeneera. Waaqni isaan haa gargaaru. Warri hojiitti ramadame dalagaatti haa jabaatu. Yeroo tumsaaf nu waaman haa owwaannu.

Friday, November 18, 2016

#OromoRevolution Yaa'ii Hogganoota Oromoo: Fuulduree

#OromoRevolution Yaa'ii Hogganoota Oromoo: Fuulduree

                                       
                                             (Jawar Mohamma irraa)

Yaa'ii Hogganoonni Oromoo guyyaa sadihiif Atalnta keessatti taa'an goolabamee jira. Akkaataa korri kun itti deemsifame, milkiifi hanqina isaa madaaluun qooda hirmaattotaati. Isaanis bifa adda addaatin himaa jiran. Maaltu itti aana kana jedhurratti waa takkaa lama jechuun fedha. Wanni itti aanu murtiilee yaa'iin kun dabarse ciminaan hojiitti hiikuudha.
  • 1) Yaa'iin kun uummanni Oromoo dudhaa fi aadan siyaasaa dimokraasii hirmaachisaa ta’ee, kan dagaagina wal qixxaataa, nagayaa amansiisaafi kabaja dhala namaaf kan kennu, isa irraa illee hafee kan biraa kan ga’uu, haftee qaroomina sirnaa gadaa qabaachuu isaa gadii fageenyaa kan irratti mari’atamee fi mirkaneefatamee dha. Akkasumas bu’uurrii hundee tokkummaa Oromoo fi siyaasa isa duudhaalen qaroomina haftee sirna gadaa kana keessaa madduu, ka hawwii egeree Oromoo hundaa illee masaku ta’uu isaa hubachuun maree ijoo dubbii kana irrattii balinaan ergaa mari’atameen boodaa, qindoomina cimaan itti fufiinsi akka jiraatuu waliif galameera.

  • 2) Yaa'iin kun galmeelee lama jechuunis Labsii Dhugefannaa 
  • Tokkummaa Oromoo (Affirmation of Oromo Unity and National Aspirations) fi Irbuu Oromoo ( Oromo Charter for Freedom, Justice, Dignity and Peace) jedhan irratti erga mari'atee booda yaada waan hirdhatuufi eda'amuu qabu eeruun, dokumantiileen kun akka yaada yaa'ii kanarratti dhihaataniitin gabbisanii deebisan gurmuu hayyootaa itti ramadee jira. Hayyoonni kunis yeroo gabaabaa keessatti hojii kana xumuranii dokumantii kana gara jila yaa'ii kanaatti ergu. Jilli kunis dokumantii kana daran yaada ummataatin gabbisuuf hawaasa isaanii keessatti irratti mari'achiisu. Hirmaannaa ummataa daran bal'isuuf dokumantiileen kun Oromiyaa keessatti lafa jalaan irratti mari'atamuuf jira, akkasumas gara interneetiin platfoormiin qophaayee yaanni itti sassaabama.

  • 3) Yaa'in kun diplomaasiin Oromoo fi gargaarsi ummata keenya miidhamaa jiruuf qodhamu bifa waaltaheen akka godhamu murteessuun koree qindeessituu itti dhaabee jira. Koreen dhaabbate kun yeroo gabaabaa keessatti sirna isaan barbaachisu guutattanii tarsiimoo baafatanii jila yaa'ii kanaatiifi hawaasa Oromoo bal'aa ni beeksisu jennee abdanna.

  • 4) Marii dokumantiilee irratti bal'inaan hawaasa keessatti godhamuufi yaada ka'u sassaabee fiduun irratti mari'achuuf, akkasumas hojirraa ooluu dirqama koreelee qindeessituutti laatame madaaluf yaa'iin hogganootaa yeroo lammataaf ni yaamama. Kanas akka qindeessuuf yaa'iin kun koreen dhaabbatee jira; hojii isaas ammumarraa eegala.

  • 5) Adeemsa yaa'ii hogganootaa Oromoo kan Atlanta kana irraa komiin bifa adda addaa akka ture ni beekama. Yaa'iin Hogganotaas koreen qindeessituu muftoolee jiran kana akka furuufi yaa'ii lamataa irratti namootaafi gurmuulee hafan kamiyyuu hirmaachisuuf ijibaata akka godhu ajajee jira. Koreenis ajaja kana fudhachuun safisaan hojiitti hiikuuf waadaa seeneera. Waaqni isaan haa gargaaru.

Warri hojiitti ramadame dalagaatti haa jabaatu. Yeroo tumsaaf nu waaman haa owwaannu.

OMN: Sona Miidiyaa Sad 17, 2016

OMN: Sona Miidiyaa Sad 17, 2016

OMN: Oduu Sad 17, 2016

OMN ዕለታዊ ዜና LIVE Nov 17, 2016

Thursday, November 17, 2016

#OromoRevolution Manni murtii Woyyaanee dhaddacha guyyaa har’aa taa’een barattoota Yunivarsiitii bara 2014 Maaster Pilaani Finfinnee morman jedhamanii qabamanii hidhan irratti murtee cimaa dabarse. Maaster Pilaannii mormaniif qofa barattoota Oromoo hidhaa yeroo dheeraatiin adabuun kan ifatti agarsiisu jibbaa fi tuffii sirni Woyyaanee Oromoo irraa qabuudha jedhu taajjabdoonni.
Akka mana murtii Woyyaanee kanatti barataa Addunyaa Keessoo fi Bilisummaa Daammanaa adabbii hidhaa woggaa afurii fi baatii shaniiti kan irratti murtaaye. Akkasumas, barataa Tashaalee Baqqalaa adabbbii hidhaa woggaa tokkoo fi baatii lamaan akka hidhamu itti murtaayee jira. Adabbiin Tashaalee Baqqalaa irratti dabre waan hanga amma inni hidhmee gadiidha. Kana jechuun Tashaalee Baqqalaa, adabbii isaa murtee mana murtii dura xumurate waan ta'eef, guyyaa muraasa keessati mana hidhaatii ni baya jechuudha. Kuni kan ta’u, garuu, yoo humni tika Woyyaanee murtii mana murtii kan dhagayuu fi kabaju ta’e qofa.
Barataa Abbabaa Urgeessaa, Shawaa Roobititti hidhamee ture, poolisiin mana hidhaa gara mana murtiitti osoo hin fidin hafaniiru. Sababni isaa maal akka ta'e hin beekamu. Garuu rakkoo fayyaa qabaatuu mala sodaan jedhu jira. Barataa Magarasaa Worquu yeroo dheeraadhaaf mana hidhaatti dararamaa fi itti taphatama erga turee boda badii tokko akka hin qabne itti himamee mana hidhaati gadi lakkifamuun isaa beekameera.
Sa’aa kanatti baratoonni, daldaltoonni fi qotee-bultoonni Oromoo kuma heddutti lakkawanman master pilaanii fi duguuggii sanyii mootummaan Woyyaanee Oromoo irraan gayu mormuu isaaniitiif qabamanii manniin hidhaa fi mooraa woraanaa addaddaa keessatti darraraama jira. Lammiileen keenna daandii fi mana isaniitii guuramanii manniin hidhaa keessatti dararaa sadarkaa addaddaa argaa jiran kumaatama. Woyyaaneen namoota hidhaman irratti ragaa sobaan murtii hidhaa irratti dabarsiti. Yeroo tokko tokko ammoo yeroodheeraadhaaf hiitee erga rakkistee fi fundura isanii era dukkaneesitee booda bilisa jedhaa gadi lakkisti. Oromoota saba isaniif jecha hidhamnii dararamaa jiran gadi lakkisiisuu fi erga gadi lakkifamaniis barnootaa fi jireenyatti akka debi’an godhuu irratti oromoon manniin hidhaan ala jiru hundi driqama isaa bayuu qaba. maddi Awash post

አቶ ዮናታን ተስፋዬ ቀንና ሌሊት በሰንሰለት እንደሚታሰር ታውቋል

አቶ ዮናታን ተስፋዬ ቀንና ሌሊት በሰንሰለት እንደሚታሰር ታውቋል