Wednesday, December 28, 2016

OMN: Weekly English News Dec 28, 2016

OMN: Mata Duree Oduu Mud 28, 2016

OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira

OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira.

                                                 (Jawar Mohamma irraa)

Kuni waan gaariidha. Sababni OMN Afaan kana tamsaasatti daballeef nama hedduuf ifa. Namni hedduunis barreessee jira. Xiqqoma itti dabaluuf:
Kaayyoon OMN 'Oromiyaa addunyaan, addunyaa ammoo Oromiyaan wal qunnamsiisuudha.' Kana ammoo hamma humni hayyaameen dhawaataan toora tamsaasaa ( mode of broadcast) akkasumas afaanota tamsaasaa dabalaa deemuudhaan galmaan geenya. Afaan Oromootin eegalle. Afaan Amaaraa itti daballe. Afaan Inglizii itti edaane. Amma Afaan Arabaatin as baane. Dhihotti Khiswahilifi Afaan Soomaleetin as bahuuf qophaayaa jirra.
Afaan arabaa maalif?
- Oromoota 500,000 oltu baqattummaafi hojiidhaan biyyoota Arabaa jira. haa ta'uu ammoo ummanni Arabaa kun waa'ee Oromoo homaa hin beekan jechuun ni dandahama. Hariiroo lammileen keenya achi jiraatan hawaasa san waliin qaban ( public diplomacy) fooyyeessuuf waa'ee Oromoo fi Oromiyaa ummata san barsiisuun akkaan barbaachisaadha. sababni sagantaa Afaan Inglizii babaldhisaa jirruufis tokko Faranjiin nuti keessa jiraannu dhimma keenya akka hubattuufi.
- Ilmaan Oromoo baqattoonni kun achitti horan ( 2nd and 3rd generation immigrants) kumaatamaan lakkaayamu ( Hubadhaa! Baqattoonni Oromoo osoo biyya Faranjii hin dhufin biyya Arabaa qubatan...baroota 1940moota irraa eegalee). Ilmaan isaan horan kan afaan Oromoo hin beekne kumaatamatu jira ( Fkn joollee Elemoo Qilxuu laalaa). OMN waa'ee seenaa Oromoo fi haala Oromiyaa daa'imman Oromoo Afaan warra isaanii hin beekne hubachiisuun barbaachisaadha. Afaan Ingiliziis kan eegalleef keessaa sababni guddaan joollee biyya faranjii dhalattee Afaan Oromoo hin beekne bira gahuufi.
- Hariiroo daldalaa Itoophiyaan biyyoota alaa waliin gootu keessatti Chaaynaatti aanee sadarkaa guddarra kan jiru biyyoota Arabaa waliini. Jara kana waliin diplomaasii jabeeffachuun ammatti qabsoo keenyaaf, boru ammoo hariiroo diinaggeetiif barbaachisaadha. Hariiroo diplomaasii cimsuuf ammoo dhimma keenya Afaan isaan beekaniin hubachiisuun barbaachisaadha. Saagantaa Afaan Inglizii kan babal'isuu barbaannufis akeekuma kana biyyoota dhihaa keessatti daran cimsuufi. ( Hubadhaa Wayyaaneen dhiibbaa gama saniin dhufu diinaggee isiitiif hedduu waan sodaattuf hariiroo isii jara kanaa waliin cimsuuf halkaniifi guyyaa carraaqxi. Baatilee jahan dabre kana keessatti biyyoota muumichi ministeeraafi haajaa alaa dhaqaniifi walgaltee adda addaa mallatteessan yoo laaltan kun ifatti muldhata. Nutii teenyee laaluu qabnaaree? )
- Akeeka dhimma Oromoo ummata ollaa keenyaafi kan addunyaa beeksisuu kana galmaan gahuuf adaduma humni teenya jabaachaa deemtuun afaanota gurguddoo naannawa saniitifi addunyaatin oduufi sagantaalee idilee dabalaa deemna. Akkuma duratti ibse dhihotti Afaan Soomaleefi Kiswahilitin eegaluuf qophii xumuraa jirra. Gaazexeessaa dhimma keenya Afaan Chaaynaatiin himuu danda'u osoo argannee sanis itti dabaluu feena. Dhugaan baana, qoosaafi miti.
- Kanaan walqabatee Afaan sabafi sablammootaatiif hireen osoo kenname wayya yaadni jedhu ka'ee jira. Yaada dansaadha. Yaadni nuti dura qabaachaa turre saboota naannawa saniitif saatalaytii keenyarratti kenninee walabaan siyaasaa isaanii afaan ofiitiin akka tamsaasaniif ture. Akkuma namuu beeku saboonni naannawa sanii toora saatalaytii OMN akka fayyadaman ifatti affeeraa turre. Rakkoon jiru saboonni biyya sanii hedduun nu daran waan cunqurfamanii turaniif humni isaanii nurraahuu laafaadha. Sababuma kanaan gariin eegalanii jidduun dhaaban. Tokko tokko ammoo ni eegalla jedhanii fiixaan baasuu dadhaban. Haala kana hubachuun humna isaani ol guddisuuf tarii deeggarsa godhuun barbaachisuu hin oolu jennee haala mijeessuuf mari'achaa jirra.
Walakkeessoo bardhibbee 20ffaa keessa biyti Igilizii siyaasaafi waraanaan moo'amtee yeroo kufuuf daddaaqaa turtetti dantaa isii addunyaa irratti eegsisuuf kan isii dandeessise BBC dha. Ameerikaan siyaasaa addunyaa akka dhuunfatu kan godhe humna waraanaa qofa osoo hin taane CNN, VOA fiHollywood ta'uu ni beeytan. Biyyoonni kun dhimma ofiifi kan addunyaa afaan ofiitifi afaanota gurguddaan biroon tamsaasuun ilaalchi isaanii mataa ummata addunyaa keessa akka jiraatu godhan. Kanarraa nutis wahuma baranna. Waan barannu kana ammoo humna qabnuun hojitti hiikuu qabna. ( kanarratti gaaf biraa dabalataan barreessuun yaala)
Ammaaf gama kiyyaan kanuma. 
Tasgabbiin mar'idhaa. 
Marii keessatti wal eeggadhaa. 
Wal hin madeessinaa. 
Yaada waliif ulfeeffadhaa. 
Yaada Oromoof ta'uu waliin gabbifadhaa.

Wednesday, December 21, 2016

OMN: Weekly English News Dec 21, 2016

OMN: ዕለታዊ ዜና Dec 21, 2016

Wayyaaneen ammas Maastar Pilaanii hojiirra oolachina jechuutti jirti.

Wayyaaneen ammas Maastar Pilaanii hojiirra oolachina jechuutti jirti. 

                                                        (Jawar Mohammad iin)
Maastar Pilaaniin kun kan amma duraatiin adda moo tokko? Mirga Oromoofi Oromiyaa ni miidhamoo?
  • 1) Maastar Pilaannin kun maqaadhaaf kan duraatiin adda. Kan duraa sun Maastar Pilaanii Qindaawaa Magaalaa Finfinneeif Magaalota Godina Addaa Oromiyaa sanitti walitti hammatee qophaaye ture. Akka wayyaaneen jettutti Mastar Pilaaniin qindaawaan sun mormii ummata Oromootin waan fashaleef Magaalaan Finfinnee Maastar Pilaanii haraya kana mataa ishee qofaatti baafattee jirtii. Kuni garuu dhugaadhaa? 
  • 2) Galmeelee Maastar Pilaanii 'haaraa' kanaa waliin walqabatanii dhihaatan muraasa argeen jira. Galmeelee kanarraa akka agarrutti maastar pilaaniin kun kan Finfinnee qofa haa jedhamuu malee iftii kaartaa Maastar Pilaanii kanarra kaayame daangaa baldhina magaalaa Finfinnee kan yeroo ammaa irra hedduu guddaadha. Fakkeenyaaf bakkeewwan Oromiyaa keessa jiran kanneen akka Galaan, Tulluu Diimtuu, Jamoo fii Samiit jedhaman fudhatee jira. Kana jechuun kaartaan kun daangaa Finfinnee baldhisuun lafa bulchiinsa Oromiyaa jala jiru as mura. Akkuma dura karoorfame qonnaan bultoonni Oromoo kumaatamaan lafarraa buqqa'uuf deemu jechuudha. 
  • 3) Maastar Pilaaniin kun haaraa haa jedhamu malee akkuma isa amma duraa san magaalaan Finfinnee tajaajila bishaanii Oromiyaa keessaa ( Gafarsa, Laga Daadhii, Qaallitti) irraa argatti jedha. Kosii illee Oromiyaa keessaatti akka darbamutti kaaye. Tajaajila kana Finfinneen kaffaltii malee akka argattutti tilmaama warri karoora kana baase kun. 
  • 4) Yoo yaadattan mirga addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdi jedhamee keewwaata 49(5) keessa kaayame san baatii Onkololeessaa darbe kana furmaata itti goona jedhanii waadaa seenanii turan. Onkololeessi dhufee darbe, furmaanni godhame garuu hin jiru. Osoo gaafii guddaa kanaaf furmaata hin kenniin karoora waggoota 25 turu baasuun mirga Oromiyaan qabdu san daranuu duuchuuf akka ta'e akeeka. 
  • 5) Maastar Pilaanii kana haaraa fakkeessuuf hedduu carraaqan. Maqaa isaa jijjiran; kan duraa saniif fakkeenyi magaalaa Faransaay tan Lyon jedhamtuu turte, kan haaraa kanaa ammoo tan Korea Soul jedhamtuudha jedhan. Dhugaan jiru garuu Maastar Pilaanii kaleessaa sanis kan ammaatin kan dhiibaa jiru namootuma walfakkaataadha. Abbaay Xaayyee Dhaabbata Qorannoo Magaalaatirraa duubaan dhiiba. Maatiwos Asaffaa Maastar Pilanii akka duraatif maanajara, kan ammaatifis sanuma. 
Walumaagalattuu Finfinneen handhuura teessuma lafaa, aadaa, seenaafi diinaggee Oromiyaati. Karoorri magaalaa kanaa kamiyyuu Oromiyaa ni laallata. Karoorri Oromoofi Oromiyaa osoo hin hirmaachisin bahu ammoo dantaa saba kanaaa miidhuun isaa waan hin oolle. Ijaa kana ta'eef moirmamuu qaba. Wayyaanees ta'ee humni biraa Finfinnee karoora baasuu dura gaafii mirgaa Oromiyaafi Oromoon magaalaa sanirraa qaban deebisuun dirqama. Sana ta'uu baannaan isaanis haa baasan Oromoonis fashaleessuu ittuma fufuun waan hin oolle.
By Jawar Mohammed Stop Your madness with Masterplan and Resolve the Master Problem
The TPLF state media has announced Addis Ababa Master Plan will be implemented soon. I have seen documents pertaining to this matter. Here is my take:
1) The regime claims this master plan is for Addis Ababa city only. That is the controversial Integrated Master Plan of Addis Ababa and surrounding towns have been disentangled and split into two. In other words Addis Ababa has given up on a joint master plan with its neighboring Oromia towns and forging ahead with separate plan. Yet...
2) A cursory review of the 'new' plan shows it isn't that new. For a starter, the land that is incorporated in this plan that's supposed to be just for city of Addis Ababa is way larger than the current & constitutional limits of the city. There are localities and districts (according to the constitutionally stipulated jurisdictions of both the Oromia state & the AA city council administration) laying in the current Oromia proper like Gelan, Semit, Jamo etc which are surprisingly made part of the city and covered in the "new master plan". In short, There's is huge tract of land from surrounding Oromia villages that have still been incorporated into Addis Ababa. In other words, this master plan expands the city limit violating the existing boarders and aims to remove hundreds of thousands of farmers, just as previously planned.
3) Just as the earlier 'integrated' master plan, this 'new' plan states that the city will get water from Oromia (Gefersa, Laga Dadhi, Aqaqi) and dry waste will be dumped in Sandafa as well. It assumes the city will continue to use these resources and services free of charge. But there is no agreement between Oromia and the city administration.
4) The regime promised to resolve the constitutionally guaranteed Oromia's Special interest over Addis Ababa by this past October. Yet that has not been materialized yet. Trying to implement a 25 year Master Plan for Addis Ababa before resolving this thorny issue is tantamount to inviting further complications.
5) In general, this 'new' master plan is different from the integrated master plan only in name. They have tried to make it look different. They said the previous plan was based on Frances city of Lyon while the new one is based on Seoul city of Korea. Yet the same people who devised the previous plan are behind this one. Abay Tsehaye is the man who is pushing it. Mathiwos Asefa the manager of the 'integrated plan' is again manager of the 'new' plan. The old plan was supposedly scrapped in January 2016. In their own admission its takes years to develop a master plan that lasts 25 years. Which means they did not develop any new plan but renamed the same old bloody one.
The bottom line is Finfinne (Addis Ababa) is at the heart of Oromia, geographically, politically, culturally and economically. Any plan developed for the city without the participation and approval of the Oromo people and Oromia state for the city is bound to adversely affect Oromo people, economically, culturally and politically. Hence, it has been and it will be rejected and resisted. Similarly any plan contested by the Oromos and bound to fail harming residents of the city. Thus, before you embark on any fancy talk of Master Plan, sit down and resolve the Master Problem...Oromia's historical and constitutionally affirmed right and interest over the city of Addis Ababa.

Monday, December 19, 2016

OMN: Oduu Mud 19, 2016

OMN: Qophii Addaa ( Walgahii Aktivistoota Oromoo MN) Mud 19, 2016

OMN: Oduu Mud 18, 2016

Mootummaan Wayyaanee Dhimma Maaster Pilaanii Magaalaa Finfinnee kan Duraan Dhiise jedhe Amma Maaliif Afarsaa Jira?

Mootummaan Wayyaanee Dhimma Maaster Pilaanii Magaalaa Finfinnee kan Duraan Dhiise jedhe Amma Maaliif Afarsaa Jira?

                                          (Boruu Burraaqaatiin)

Dhimmi Maaster Pilaanii magaalaa Finfinnee amma dura eegalame mormii jabaa ummanni Oromoo godheen hambisiifamuu danda’ee akka ture ni yaadatama. Yeroo sanitti dabballoonni OPDO arraba damma dibatanii gad bahuudhaan ‘’yoo ummata Oromoo kan hin gammachiifne tahe maaluu ni hafa’’ jechuun ololaa bahan. Mormiin ummata Oromoo yeroo sana Maaster Pilaaniitti qabatee eegalame garuu salphaatti kan dhaabatu hin turre. Gaaffiin Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa waan taheef boris salphaatti kan aguugamee hafu hin tahu. Haa tahuutii mormii sirnicha hundee irraa raasuu danda’e kana ukkaamsuuf jecha Labsa Yeroo Muddamaa Oromoo irratti labsan. Humnaan ummata afaan qabanii, harka isaa micciiranii, miila isaa hidhanii callisiisuu filatan.
Dhimmi Maaster Pilaanii magaalaa Finfinnee ammas xixxiixaa jira. Miidiyaaleen Wayyaanee gurguddoon EBC fi FBCn dhimma kana qabatanii ifatti gad bahanii jirani. Keessumattuu miidiyaa karoora mootummaa dursee beeksisuudhaan beekamu kan tahe Faanaan (FBC) oduu Mudde 8, 2009 (ALH)tti dabarseen ‘’Maaster Pilaaniin magaalaa Finfinnee dhiheenyatti akka ragga’u Komishiniin Pilaanii Magaalaa Finfinnee beeksise’’ jechuun gabaasee jira. Gaaffiin as irratti ka’uu qabu, Wayyaaneen maaliif yeroo kanatti dhimma master pilaanii kana amma kaasuu filatte kan jedhuu dha. An akka naa galetti sababaan isaa waan gurguddaa lama.
Kan duraa, sirnichi wayta ammaa kana jabaa nama Oromoo hanga danda’e guuree mana hidhaatti naqee jira. Warra silaa ummata kakaasuu fi mormii ummataa qindeessuu danda’u jedhee shakku qabee hidhaa keessatti toyatee argama. Ummata isa hafe ammoo bittaa waraanummaa Komaand Poostiitiin sodaachisee bitaa jira. Ammaantana hamilee fi kaka’umsa ummanni Oromoo qabsoo mirga isaaf qabu onnee isaa keessatti buruqsee, boquu gad cabseen jira jedhee waan of amansiise fakkaata. Kana irraa ka’uun wayta kanatti kaayyoo biyya Oromoo saamuu fi Oromoo salphisuuf qabate san hojii irra oolchuu irraa wanni na hanqisu hin jiru jedhee of amansiisee jira. Oromoon hangamuu baay’atu, hangamuu sadarkaan mormii isaa addunyaatti dhagahamu, toyannoo koo jalaa hin bahu, dirqisiisee doorsisee waanin barbaadu waga’uu nan danda’a jedhee of hubachuu isaa argaa jirra. Dhimma Master Pilaanii magaalaa Finfinnee irratti Oromoodhaan salphifamee boquu cabsatee kan ture sirni Wayyaanee amma xiiqii san Oromoo irratti bahachuuf yeroo aanjaa uummadheera jedhee yaadaa jira.
Kan lammaffaa wanni Wayyaaneef onnee kenne haala faca’iinsa gurmuu siyaasaa Oromoo ti. Dhaaba siyaasaa biyya keessaa (KFO) yoo taheef guutummaatti mataa hanga jalaatti jabaa namoota dhaabichaa hidhaa naqanii jirani. Dhaabicha guutummaatti laamshessanii jiru. Wayta Wayyaaneen bulchiinsa Komaand Poostii Oromiyaa irratti labsitee halkanii guyyaa Oromoo kumootaan mana hidhaatti guurtu, rukuttee madeessitu, ajjeeftu, qabeenya isaa aduu saafaatiin saamtu dhaabni siyaasaa Oromoo jabaan sabichaaf dirmatee salphina kana irraa Oromoo baraaruu danda’e hin jiru. Keessoon dhaabota siyaasaa Oromoos tahee aktiivistoota Oromoo biyya keessattis tahee alatti irree qabaatee kan sirnicha sodaachisu hin taane. Ummatatu muratee natti ka’e malee dhaabni siyaasaa kan sagantaa mataa isaatiin haleellaa narraan gahuu danda’u Oromoo keessa hin jiru jettee murteessiteetti Wayyaaneen. Duula karaa miidiyaa hawaasummaa ummata kakaasuuf godhamu Facebook fi karaalee wal qunnamtii biroo cufuudhaan ummata dukkana keessatti iggitte.
Haalli amma jiru waan fedhan Oromoo irratti labsuuf yeroo aanjaa tahee laalameera. Wayyaneen balaa siyaasaa hamaa, keessumattuu Oromiyaa keessatti mudatte irraa humna qawweetiin akka of baraartee amma hafuura bitattetti of fudhatteetti. Kunis Oromoo tuffachuu irraa madda. ‘Ofiif wacitu malee homaa na gochuu hin dandeessan, keessi keessan bukoo dha’ nuun jedhaa jirti. Ummata keessaa warra mormii dabre keessatti seenaa hojjete garii ajjeeftee, kuun madeessitee qaama hir’iftee, kuun ammoo kumoota kudhanootaan hidhaatti naqxee affeelaa waan jirtuuf, tarkaanfii akkasii kanaan umrii dheereffachuun akka danda’amu shaakalaa jirti.
Kanaafuu maaltu mala? Hegereen qabsoo kanaa maal tahuuf deemaa jira? Kan durii yoo hafe wareegamni gootonni Oromoo qabsoo waggaa tokkoo keessatti kafalan bilaash tahee hafaa? Wayyaaneen humna qawweetiin Oromoo afaan qabdee deebitee akka bofaa biyyee arraabdee yoo ol kaatu, akkasumatti wacnee dhiifna moo tarsiimoo qabsoo haaraa wayiitiin gad baanee dheebuu bilisummaa ummata keenya baafna? Gaaffilee kana qaamonni ‘humnoota siyaasaa’ Oromoo ofiin jedhan of gaafachuu qabu. Warri jaaramee jiru waliin hojjechuu ni dandeenya moo hin dandeenyu jedhaa wal gaafadhaa. Waliin haasawuu fi waliin deemuu hin dandeessan taanaan maqaa qabsoo lafa kaayaatii jireenya mataa keessanii jiraadhaa. Ummanni isin eega, isinis qilleensuma irratti jirra jirra ofiin jettu, lafa irratti garuu hin mul’atani, gidduutti kan bu’aa hangana hin jedhamne hammaarrachaa jiru diina keenya.
Wayyaaneen mormii lafa raasu waggaa tokkoo san irraa dandamattee tuffii isii itti fufuu kan dandeesse hanqina keenyaan malee jabina mataa ishiin miti. Keessoon jaarmayummaa siyaasaa Oromoo baay’ee dheedhii dha. Corqaa dha. Bakka ummanni keenya gahe gahuufuu fagoo jira. Wayyaanee kan lubbuu itti hores isa kana. Ummanni yoomuu mirga isaaf ni falmata. Garuu jaarmayaa siyaasaa jabaa kan tarsiimoo jabaadhaan isa hogganu hin qabu taanaan maayyii irratti irbaata diinaa taha. Wayyaaneen bulchiinsa Komaand Poostii labsuu ishii dura ibsoonni dhaabonni siyaasaa Oromoo tokko tokko baasaa turan sirnichaaf gargaarsa guddaa godhe. Jaarmayoonni siyaasaa Oromoo walii isaanii gidduutti wal dorgoommii diigaa godhan irraa kan ka’e ‘qabsoo biyya keessaa deemaa jiru natu hogganaa jira’ jedhanii miidiyaatti bahanii labsuun ummata keenya rukuchiise malee bu’aa Oromoofis tahee jaarmayaa sanaaf fide homaa hin qabu. Diraamaa Wayyaaneen ‘ABO fi Masriitu na goolaa jira’ jettee hojjetatteef karaa bane. Diraamaa kanaan qabdees labsa yeroo muddamaa baafatte. Bulchiinsa waraanaa ‘Comand Post’ jedhamu Oromoo irratti labsitee haleellaa abbaa irrummaa kan durattuu raaw’achaa turte seerawaa godhachuuf ittiin gargaaramte. Dheedhummaan siyaasaa keenyaa balaa kana fakkaatu nu mude.
Gara fuulduraas of keessa deebinee hanqina keenya hin guuttannu taanaa, dogoggora keenya irraa hin barannu taanaan, akka qara eebootti qeeqa sodaachuu dhiifnee wal hin dhageeffannu taanaan, ego keenya of duuba goonee sabichaaf waa hojjechuu qofa irratti wal hin dorgoomnu taanaan salphinni kana caalu itti fufuun gaaffii hin qabu. Laafina keenya irraa barannee qaama laafinaa san jabinatti jijjiirrachuu dandeenyaan garuu ni injifanna. Yoo san gochuu hin dandeenye ammoo dhiiga ummanni keenya bilisummaa isaaf dhangalaasaa jiru dhiiga saree gochuu manna Oromoon akka furmaata barbaaddattu itti himnee karaa irraa maquu dha. Dhaamsi kun warra tuqata siyaasaa Oromoo qabu kan matayyaas tahee gurmuudhaan gumaachaa jirra jedhan maraaf tahuu qaba.
Sabni keenya ni injifata!