Wednesday, January 25, 2017

ከጋዜጠኛ ጃፈር አሊና ከቀድሞው የሶማሌ ከልል ፕሬዚዳንት ልዩ አማካሪ ከአቶ አብዱላሂ ሁሴን ጋር የተደረገ ቃለመጠይ...

OMN: ODUU (Amajjii 25,2017)

I have watched the second interview (supposedly the rebuttal statements) of Haile Larebo.

I have watched the second interview (supposedly the rebuttal statements) of Haile Larebo.


                                                 (By Geresu Tufa)


I have watched the second interview (supposedly the rebuttal statements) of Haile Larebo. I was expecting that he would correct the serious act of hate crime he committed against our people. Unfortunately, and sadly he did not, against my best wish, of course.
This is not just one time incident. These kinds of harmful and demoralizing hate speeches have been the main components of reactionary Abyssinian violence against peoples of different backgrounds in Ethiopia. Haile Larebo is the latest massager of these political groups who have been addicted to hate and violence throughout history.
What makes this propaganda unique is the sheer determinations of these groups to continue inflicting more damages on millions of people, discouraging and undermining the peaceful coexistence of peoples of diverse backgrounds in that country, and on their way depressingly affecting the core struggles against repressive current Ethiopian Regime.
It is sad to notice that some of the ESAT employees blindly and arrogantly believe that they have the right to denigrate the people whom they are supposed to serve and treat with dignity and reverence. These employees think there is nothing the rest of us (I mean all of us) can do about it and above all, they believe it is their duty to continue the “holy wars” that their forefathers had been waging against our people in the name of writing history, among other things. They are doing the same thing that their fathers had been doing except they are hiding behind freedom of press and free speech this time.

What they do not understand is, however, that we have also reciprocal duties to protect ourselves, families and people from such violence. They must understand we cannot just stand by and watch when they commit acts of hate crime against millions of poor and helpless people back home. We just can’t do it. At least we cannot just take it quietly.

I have been waiting for and expecting the ESAT’s Board intervention and speedy corrective actions. I hope they will, as it is not too late to address these problems for once and for all. In helping them doing their job, here are the main measures we are expecting them to take:
  • 1. To pull back (retract) the offensive material they uploaded on youtube or published for public consumption. Keeping those materials in public domain serves no one except the hate mongers and those who befits from these hates.
  • 2. Acknowledging the mistakes that ESAT committed and asking apology for those mistakes, and make clear promises that these kind of hate materials won’t be produced by ESAT or its employees again. Our public deserve apology. They have already been through a lot of sufferings.
  • 3. Public announcements of the corrective measures that have been taken against those ESAT employees who are responsible for these kinds of offenses. Specifically, there are two persons who should be held responsible for these messes: the Editor and the Journalist who was sitting there and letting letting Haile Larebo say hateful( taboo) words against our people.

Hopefully, these three measures will help to move on from the messes we are forced to be in. And hopefully, these measures will be taken as soon as possible to contain the enormous damages that have been done. And then we will focus on fighting our common enemy sitting and laughing at us from Shaggar right now.

Thursday, January 12, 2017

OMN: Sona miidiyaa Amajjii 12, 2017

OMN: Oduu Amajjii 12, 2016

#OromoRevolution "Haarayoomsa qaamoole haqaa fi nageenyaa

#OromoRevolution "Haarayoomsa qaamoole haqaa fi nageenyaa

                                             (Dr Tsegaye Ararssa)
Biyyoota dimokraasii keessatti qaamoleen mootummaa sadeen aangoo heeraan qoodameef daangaa hujii fi gahee isaani eeggatanii hojjatu.Kayyoon gargar bahinsa qaamolee mootummaa kanaas aangoo qaama tokko harkatti kuufamee abbaa irree akkaa hin dhallaneefi.
Gargaar bahinsa qamoolee mootummaa saden kana dura gargar bahinsi jiraachuu qabu gargar bahinsa mootummaa fi paartii biyya bulcchuuti.Yoo gargar bahinsi mootummaa fi paartii biyya bulchuu hin jiraanne qoodaminsi aangoo qamolee motummmaa sadanii hiika hin qabaatu.

Fakkenyaaf qaamolee sadeen mootummaa keessaa tokko mana murtiiti .Manni murtii qaama mootummaa keessaa tokko tahuus qaama paartii biyya bulchuutii miti
.Paartii siyaasa biyya bulchuu fii ' motummaa' walitti makuun kallatiidhaan manaa murtii meeshaa siyaasaa godhachuudha. Sirna amma jiru kana keessatti caasaan mootummaa/bulchinsaa fi paartii biyya bulchu addaan bahee jiraachuu dhabuurraa kan ka'e mana murtii/ wajjirri haqaa guutumatti meeshaa siyaasaa godhaa jiran.Haala kanaan maqaa fooya'insa jedhuun 'caasaa' adda addaa mana murtii keessatti ijruudhaan mana murtii sakalaanii meeshaa godhataa jiru.Caasaa kaayyoo kanaaf ijaarame keessa muraasni koree foyyainsa sirna haqaa,fi koree jabahaadha kaasuun ni dandayama.Akka qajeeltootti koreen kun dhimma mana murtiitti ilaalamaa jiru irratti hin mariyatamu jedhamuus qabataamaadhaan koreewwan kun yeroo manni murtii namoota ilaalacha siyaasaan hidhamaniif mirga wabii kabajee fii murtii bilisaa kenne kan isaan waltajjii ta'anii mariyatan .Koreewwan kuniis yeroo dhimmoonni akkanaa kun uumaman dhimmoota akkanaa kun murtii haqaa akka hin arganne dhibbaa ssiyaasaa umuu fi abbaa alangaa fi seeraa hujii kana hojjataan kanneen ejjanoo seeraan deeman irratti duula olalaa gaggessudh.Kanarraa ka'udhaan abbootiin seeraa fii alanagaa baayyeen akka hujii isaanii ofitti amantaadhaan hin hojjanne godhamaaa turan /jiran.

.Koreewwan mana murtii laamshessuuf uumaman kana cinatti waggoota as dhiyoo kana maqaa leenjiitiiniis dhibbaan guddaan abbooti seeraa fi alangaa / mana murtii fi wajjira haqaa irratti godhamaa ture.Wagga kana dura waggoota lamaaf waltajjiin maqaa leenjii qaamolee haqaa jedhamun godhamaa turee ragaa guddaadha.Akkuma jalqabarratti ibsamaa ture, mootummaa fi paartiin biyya bulchu walitti baqee waan jiruuf waltajjiin maqaa mootummaatiin yaamanii leenjii dabballee kennaa turan.Kayyoon leenjii kanaas abbootii seeraa fii alanga koreewwan fii duula siyaasa irratti godhamaa tureen harka hin kennin yaada isaan waltajjii irratti kennaniin adda baafachuudhaan hordoffi godhuufi.Kaayyoon inni biroo immoo qaamolee haqaa kana dabballomsuu fii tokkummaadhaan dhiibbaa akka dhunfaatti abbootii seeraa fi alangaa irratti godhaman fi akka dhabbataatti mana murtii fi wajjira haqaa irratti godhaman akka tokkummaan hin falmanne dorsisuu fii ilaalchaan adda qooduudha.

Waltajjiin maqaa haarayoomsa qaamolee haqaa fi nageenyaan waggaa kana keessa taasifamee kuniis qabiyyee hirmaattotaatiin kan duraanirraa adda tahuus kayyoon isaa kaniin tokkuma.Garaagarummaan waltajjiin haramooysaa kun gama qabiyyee hirmaattotaatiin qabu waltajjii kanarratti namootaa muraasa qaamolee haqaa fi nangeenyaan filaman yommu tahu waltajjii kanaan duraa irraatti abbootiin seeraa fi alangaa gututti hirmaataa turaan.Hirmattonni waltajjii harayoomsaa kana irratti hirmatan kun namoota gaaffi mirgaa fi dhibbaa siyaasaa abbootii alangaa fi seeraa irratti godhamaa jiru hin dubbatan jedhamanii tilmaamaniidha.Sababni namoonni gaafii hin gaafanne filatamaniis waggaa darbe kana keessa sababa warraaqsa ummataa keessaa harka qabdan jedhuun reebichi fi doorsisni baayyeen abbootii seeraa fi alangaa irratti godhamaa tureef abbootiin seeraa fi alangaa hundi waltajjii kana irratti yoo hirmaatan dhibbaa umuu dandayu jedhaniiti.Sababni biroo immoo waggaa kana keessa gaaffiin dabballii mindaa waggoota dheeraaf abbootii seeraa fii alangaan dhiyaataa ture akka waltajjii irratti kaafamee mormiin isaan hin mudanne godhuuf ture.Haa tahuu malee gaaffileen bayyeen dhimmota akkanaa ilaallatan ka'anii turan.Gaaffilee ka'an sana keessa kan daballii mindaa ilaallatan tokko ture.Gaffiin kun gaaffii daballi mindaa qofa osoo hin tahin gaaffii walqixummaati.
Nannoo Oromiyaa malee nannoon hundi akkasumaas Federaalli mindaa qaamolee kanaaf dabalee osoo jiruu kan Oromiyaaf dabalamuu dhabuun mirga walqixxummaa heeraan kabajame mulquudha.Gaaffiin kun gaaffii seera fi heeraan akkamusaamaas haala qabatamaa jireenya biyyattitiin deegarame tahuus deebisaan hoggansa ol'aanoo qamoolee kanaan kenname arrabsoodha.Hoggansi qamoolee kanneenii mirga qamota kanneenii kabachiisuu caalaa ajendaa paartii biyya bulchuun itti kenname hirmaattota waltajjii irratti fe'uu ture.

.Haala kaanan,rakkoon amma biyyatti keessatti uumameef sababa kan tahe nuhi itti gaafatumummaa ni fudhanna jedhaa jedhanii hirmaattota dirqisiisaa turan.Rakkoo kanaaf sababa kan tahe garuu qaamolee kana osoo hin tahin imaammata paartii biyya bulchuuti.Paartiin biyya bulchu immamata saamicha lafaa,dirree siyaasaa cufuu ,bilisummaa yaada ibsachuu mulquu ,jireenya siyaasaa fii dinagdee keessa Oromoo mogguu qabatee demuu fi gaafii siyaasaa gara rakkoo nageenyaatti jijjiruun isa akka rakkoo amma biyti keessa jirtuuf akka sababa tahe beekkamaadha.Eegaa mootummaan kun tarsiimoo qamolee haqaa siyaasomsuu fii lamshessuu fayyadamuudhaan abbootiin seeraa fi alangaa akka tokkomanii dhibbaa isaanirra jiru hin falmanne godhuu bira dabree akka daballii mindaallee hin dubbanne taasisee jira
.Akkuma waltajjii harayoomsaa dhiheenya kana godhamerraa hubatamutti hoggansi qamolee kannenii gaaffii mirgaa dhihaate kana deebisuuf akka fedhii hin qabne ifaan agarsiisaanii jira.Inumaa kana bira darbanii qamolee kana walitti qabatti arrabsan.Silaahuu mirgi kennaa bilisaan namaaf kennamuu miti.Mirga abbaa dhimmaatu qabsaawee kabachiifata.Kana immoo muuxannoo abbootii seeraa fi alangaa nannoo Amharaa irraa hubachuu dandeenya..Kanaaf,kabajamtoota abbooti seeraa fi alangaa ,mirga keenya kabachiisfachuuf haa kaanu."

Monday, January 2, 2017

OMN: Oduu Ama 2, 2016

OMN: Mata Duree Oduu Ama 2. 2017

Rakkinoota Naannoo Kaayiroo fi Yaada Furmaataa

Rakkinoota Naannoo Kaayiroo fi Yaada Furmaataa.

                                                    (Geresu Tufa irraa)

Duraan dursee obbollewwaan hundaan amma illee irra deebiyeen baga wagga harayaa nagaan geessan isiniin jedha. 
 Hawwii koo wagga harayaatti aansee haala gidduu kana midiyaa hawasaa(social Media) irratti deddeemaa jiru irratti yaada tokko tokko kennatuun fedha. Kunis dubbii kara Kaayiroo(Cairo) irraa deemaa jiru ilaalchise jechuu dha.

Akkuma beekamu waggoota 5 darban kanarrraa eegalee baqatooti Oromoo naannoo Kaayirootti (Masiritti) kolouu-galtummaa gafatan hedduu dha. Kanuma waliin rakkoon adda addaa naannoo sanatti uumamaa jirus yeroo irraa yerootti guddataa dhufee jira. Rakkoo naannoo sanatti uumamaa turee fi jiru irratti odefannoo gahaa otoo hin argatiin yaada kennuun waan akka malee nama rakkisuu fi dogogora biraa fidu dha. Haa ta'uu garuu waan ifatti mul'ataa irratti yaadu tokko tokko kaasuun dirqama yaada jedhuun qaba.
Akkuma hundi keenya yaadannoo yeroo wagga tokko hin guutne keessatti rakkinooti jeequmsaa uummata keessatti uumaniif amma illee sababiin isaaniii faatti hin hubatamiiniii fi hundeetti hin furamiin sadiitu jiru.
  • 1.Midhaa Birraa Gammadii 2. Waranamuu Yaazoo Kabbadaa 3. Samamuu Wajjira OMN dha.

Dhimmoota kanarratti yaada adda addaatu ka'ee uummata gidduutti jeequmsa uuma ture. Midhamuun Birra Gammadi qamaan sirritti mul'ataa waan tureef midhamuun isaa shakkii hin kaase hin jiru. Sababii isaa fi hunde rakkoo sana haga amma sirritti uummata bal'aan hubatamuu isaa garuu haga amma qabu hin qabu.
Dhimmi Yaazoo, ilaalchisee yaada adda addaa wal-falleesitutu ture. Gareen adda addaa yaadaa fi ilaalcha adda addaa uummata keessa facaasaa ture jedha. Gariin waraanamuu dhugaa mitii jedha. Gariin waraanamuu dhugaa dha kan ragaa hakimaa fi jijjirra qaama qabu jedha. Gariin Garee waraane ykn warra waraane waliin quba jedhutti quba qaba. Warri quba itti qabamees haga amma ifaatti ibsaa hin kenninee. Ummati bal'aan dubbii kanarra fagoo jiru ammoo akkuma shakkii keessa isaa keessatti uumameetti hafee. Namni hundinuu waanuma gareen inni deeggaruu jedhu dhugaa godhee fudhatee, warra ammoo garee keessatti hin jirre waanuma jedhu dhabee afaan qabatee. Gidduutti diinnis uummata gidduutti shakkii jajjabessuuf karaa argate.
Samamuu wajjjira OMN Kaayiro(Cairo) ilaalchisees waanuma walfakkatatu deemaa jiru. Waan Midiyaa Hawasaatti(Social Media) irratti deeman hedduun isaa yoon ilaalu waa lama of keessa qaba. Tokkoffaa gochaan kuni kan godhameen akka diinaa hin ta'iniif gartuun wayii kanuma kamp Oromo keessa akka duuba jiru. Kan lammataa xiqiin keessa jira. Harka diinaa keessa jiraatu malaa yaada jedhu hin argine. Haala akkasii keessatti namnni hundinuu, namuma fi gartuu ofii shakkuutti quba qaba.
Rakkoo tokko sirritti qorannee adda baasnee abbaa itti goone, uummata gidduutti tasgabbii fi nageenya yoo hin uumiin rakkoon biraa dhufee itti dabalama. Amalaa midiyaa hawasaa(social media character) ta'ee rakkoo duraan uumamee sana daganneetuma kanuma harayaa kanarratti hasofnaa. Boruu ammoo rakkoon kanarra hammatuu fi lubbuu namoota hedduu gaggaga'uu yooo uumamee kanuma jiru kana dagannee sanatti ceena. Rakkinooti uumaman kuni akka nuti irratti hasawaa jirru bifa, yabudummaa(neutruality) ta'ee tokkoon otoo ta'an bifa garee qabatee fi seeteedhanii dha.
Yeroo waa tokko uumamu namuu otoo dubbii sirritti adda hin bafanne diinuma(garee/nam-tokkee) duraan mataa isaaa keessa qabuutti kallattiin ykn bifa biraan quba qaba. Gareen wal ijaareetuma walirratti duuluun rakkoo dura uumamte hiikuu otoo hin taane, qilleensa borayaa (spoiled envionment) rakkoo harayaa uumuu itti dabalaa. Waan jedhamuu hundi waan garee irratti xiyyeffatee fi xiiqiin guutamee qofa dha. Waan akkana kuni deeme deemee rakkoo guddaa uuma yaada jedhuun qaba. Rakkinooti uumamanii otoo hundeen isaanii hin qoratamiin akkasumatti hafan kuni deemanii deemanii, wal-amantaa uummata keessa jiru diiganii rakkina guddaa keessa nu galchuu. Kuni ammoo akka nuti diina uummata keenya fixaa jiru dhiisnee walirratti xiyyeffannuu fi wal-diignuu nu godha. Walitti dhufeenya uummata keenya gidduu jirus yeroo irraa kara yerootti laffataaf diigamaa deema.
Bifa kanaan yoo deemne boruu ammoo rakkoo kana olii fi hiikuuf nu dhibu kessa seenuu dhabuu keenyaaf homaa ragaa hin qabnuu. Rakkoo tokkorra kara rakkoo biraatti utaaluu fi garee nu fakkata jennu deggaruun kan biraa irratti duuluun kuni dhumti isaa jeequmsaa fi digoomsa akka ta'ee shakkii tokko illee hin qabu.Kanaaf maaltu wayya?
Rakkinoota uumamaa jiran kana sirritti hubatuu, furuuf akkasuma fulduraas rakkinooti akkasii akka hin uumanee uummata keenya keesatti nageenyaa fi tasgabbii uumuuf waan kanaa gad godhuun barbaachisaa dha jedheen yaada.
  • 1. Namni hundinuu midhaa qaamaa aggammii lubbuu fi qabeenya gahee kana eenyunuu yaa gahuu sagalee tokkoon balaalleffatuu qaba,
  • 2. Qaama yabadummaa( neutralty) qabuu ijaaruun gargaarsa barbaachisu godhuun rakkinoota haga amma uumaman kanaaf, hundee rakkinoota achi jiran kana qoratuun uummataaf gabasaa odeffannoo qabatamaa irratti hundayee dhiyeessuun qalbii uummata tasgebessuuf fi nageenya uummata gidduutti buusuun barbaachisaa dha. Kan shakkiin wal-himataa jiru kanas kan adda baasuu danda'auu dhugaa(fact) qofa dha.
  • 3. Gartuulees ta'ee nam-tokkeen rakkinoota dhunfaa walirraa qaban, yeroo rakkoon uumamee hunda quba walitti qabuu fi carraa uumamee hundaan walirratti duuluu irraa of-qusatuu qaban.
  • 4. Uummati bal'aas rakkoon tokko yoo uumamee suuta jedhe hunde rakkoo qoratuu fi hunde dubbii baruuf tattafatuu irraa, diinuma duraan mataa qabanitti dafanii quba qabuun kuni fagoo waan nu gessu natti hin fakkaatu. Guyyaa guyyaan diigoomsa, shakkii fi wal-amantaa dhabuutti nu geessa. Dubbii oo'iituu yoo uumamtee sanuma qabatanii diinaa eenyumaan isaa(unidentified enemy) irratti quba qabuu irraa yeroo hundaa yoo rakkoon uumamee qorannoon akka rakkoon suni furamuu godhuun irraa rakkoo nurraa hambisaa.
  • 5. Aktiisistooti fi qamooti ijaraman Oromoo daddafanii garee qabatuuf xiiqidhaan deemanii rakkoo biraa dabaluu irraa qaama furmaata ta'uuf tattafachuun irraa bu'aa qabaata yaada jedhuun qaba.

Akkas yoo goone hunde rakkoo ni barra, waan kuni diinaa ta'aa jira moo nama keenyaan ta'aa jirra? , yoo nama keenya ta'aa jiraate eenyutu kana godhaa jira ? maaliif godhaa jira? nam-tokkoo dha moo gartuu dha?, bifa akkammiin rakkoo kana hundeetti furra ? yaada jedhu sana ni mirkanessinaa. Yoo akkas hin taane waan amma godhamaa jirru kuni furmaati inni fiduu hin jiru qofa otoo hin taane, yeroo gababa keessatti rakkoo guddaa keessa nu galchuu akka dandeenyu shakkii tokko illee hin qabu. Haalli qabatamaan lafarra jirus kanuma agarsiisa. Waanti nuti asitti goonus uummata biyya jiru akka malee qalbii akka cabsaa akka jiru beekuun byaadatuun barbaachisaa dha. Kanaaf rakkoo dabaluuf otoo hin taane rakkoo uumamee hubannoon furuuf yaa tattafannuun jedha.

Waa'ee barbaachisummaa Oromia Media Network(OMN) Afaan Arabatiin eegaluu

OMN: Qophii Addaa (Amajjii 1, 2017)